Biyyi madaala ishee eegdee akka itti fuftu waldaaleen ogummaa gahee irraa eeggamu bahuu qabu jedhan Ministirri Muummee Dr.Abiyyi

171

Finfinnee Hagayya 5/2012(TOI)- Biyyi madaala ishee eegdee akka itti fuftu waldaaleen ogummaa loogii irraa bilisa ta’anii hojjechuu qabu jedhan Ministirri Muummee Dr.Abiyyi Ahmad.

Dr.Abiyyi waldaalee ogummaa eyyama fudhatanii biyya keessa socho’an waliin har’a mariyatanii jiru.

Waldaaleen ogummaa akka jabaataniif seera fooyyessuu dabalatee hojiileen gara garaa hojjetamaa akka jiran ibsaniitu.

Waldaaleen kunnen finfinnee qofa otoo hin taane gara naannolee deemuun hojjetuu aka qabanis hubachiisan.

Mootummaan yeroo kam caalaa olantummaa seeraa kabachiisuuf socho’aa jiraachuu eeruun milkahina kanaaf hawaasni deeggaruu qaba jedhan.

Biyyi karaa hundaan madaala ishee akka eegdee deemtu gaheen waldaalee ogeeyyii guddaa ta’uuu ibsan.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015