Ayyanni saboota sablammootaa fi uummattoota itoophiyaa hojiilee jijjiramicha cimsuun akka kabajamu gahee keenya ni baana jedhan hoggantoonni

79

Finfinnee Hagayya 5/2012(TOI)- Ayyaanni saboota sablammoota fi uummattoota itoophiyaa 15ffaan jijjiramaa fi hariiroo uummataa hojiilee cimsaniin akka kabajamu gahee keenya ni baana jedhan hoggantoonni Naannolee Dhaabbilee Federaalaa.

Ayyana ji’a sadaasa dhufu magaalaa dirredawatti kabajamuuf koreen qindeessituu ayyanichaa karoora fi hojiiilee ayyanichaaf qophahan raggassan.

Afayaa’iin mana maree federeshinii Aadam Farah akka jedhanitti ayyanichihojiilee duudhaa walinjireenyaa fi tokkummaa saboota biyyattii gabbisuun kabajama jedhan.

Hojiileen barnoota sirna federaalizimii fi waligaltee heera biyyattii irratti hojiileen jajjaboon ni hojjetamas jedhan.

Barreffamoonni simpoziyemicha irratti dhihaatan yeroo dheeran kennamee kan qophaahan waan ta’eef waliitti hidhaminis uummata biyyattii fi wliin jireenya cimsuuf akka gargaaru himan.

Tokkummaa saboota,sablammotaa fi uummattoota biyyattii cimsuun ijoo ayyanichaatti jedhame.

Ayyanichi jijjirama akka biyyatti dhufe daandii milkahinaa irra akka imalu gahee guddaa qaba jedhan.

Milkahina kanaf magaalaa dirredawaa waliin ta’uun deeggarsi barbaachisu ni taasifama jedhame.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015