Murteen paartiin Badhadhinaa damee Oromiyaa tibbana dabarse kallattii jijjiramaa bifa sirriin hogganuuf gargaara jedhame

119

Finfinnee  Hagayya 05/2012(TOI) - Paartiin Badhaadhina damee Oromiyaa walga’ii guyyaa lamaaf gaggeessaa turee irratti murteen fudhatame jijjiiramni jalqabame kallatti barbaadamuun akka deemuuf kan garaagaru ta’uu Waajjirri Paartii Badhaadhinaa Damee Oromiyaa beeksise.

Paartii Badhaadhinaa Damee Oromiyaatti hogganaan sab-qunnamtii Obbo Taayyee Danda'aa akka jedhanitti walga’iin Paartiichi guyyaa lamaaf gaggeesse jijjiirama akka biyyaatti eegalame karaa cimsuun danda’amuufi jijjiiramichi kallattiin barbaadamun akka deemuf gamaaggama gadi fagoo gaggeesseera jedhan.

Gama biraan Paartiichi rakkoo akka dadhabinaatti ka'an furuun, cimee ba'uun ummata tajaajiluuf qophaa’uu isaas Obbo Taayyeen himaniiru.

Tarkaanffiin Paartichi fudhatees namoota Paarticha keessa ta’aani maqaa Paartii Badhaadhinaa balleessaanii fi hoggansa aangoo itti kenname sirnaan ba'achuu dadhaban irratti tarkaanffiin fudhatamuu jalqabee kun Paartiichi gaaffii uummataa deebisuuf hojjeechaa jiraachuusaa agarsiistuu guddaa akka ta’ees ibsan Obbo Taayyeen.

Dabalatanis humni TPLFfi ABO Shanee, humnoota alaa waliin ta’uun jijiirama amma akka biyyaatti argame guufachiisuuf yaalii adda addaa taasisaa akka jiran addaa baasuun akka danda’ame himan Obbo Taayyee Danda’aa.

Paartiichii tarkaanffiin fudhates ragaa fi odeeffannoo sirrii irratti hundaa’ee kan fudhatamee fi kan itti fufuu ta’uu himuusaanii Dhaabbanni  Pireesii Itiyoophiyaa gabase.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015