Sanyiin moose fi qamadii haaraa giddugala qorannoo sinaanaa irraa bahe qonnanbultoota biraan gahe

335

Finfinnee hagayya 3/2012(TOI)- Jiddu galeessi Qorannoon qonna sinaanaa sanyiilee filatamoo mooseefii qamadii dhibee dandamachuun oomisha ol’aanaa kennan lama qorcahaa ture fayyadamtootaaf gadi lakkisuu isaa beeksise.

Sanyiin gadi lakkifaman kunniin dhibee dandamachuun oomisha ol’aanaa kennuun kanneen asiin dura qorannoon bahan irraa fooyyee kan qaban tahuunis himamee jira.

 Jiddugaleessichi kan har’aa kanneen dabalatee hanga ammaatti gosoota sanyiilee midhaaniitiif nyaata beelada 80 tahan qorannoon argateefii madhaqse fayyadamtoota biraan gahuunis himamee jira.

Qonnaan bultoonni adda dureen sanyiilee midhaaniitiifii moosee as dura jiddugaleessichaa bahan fayyadamuun beekaman akka jedhanitti sanyiileen qorannoon bahan kunniin madda galii dabalataa kan isaaniif tahan tahuu abdataniiru.

Akka qonnaan bultoonni jedhanitti keessattuu sanyiin moose kun hawaasaa qonnaan bulaa godinichaa caalmaan oomisha midhaan gosa tokkoo deddeebisee oomishuun beekamu marsaa midhaanii keessa galchuun dhibee midhaanii kanneen akka waagii ofirraa cabsuuf shoora ol’aanaa akka qabus himanii jiru.

Akkasumas oomishtummaa ol’aanaa kennuun cinaatti dafee gahuun oomisha qamadiif garbuuf lafa dafee akka gadi lakkisuufii wabii nyaataa mirkaneessuu keessatti gahee ol’aanaa qabas jedhamee jiran.

Jiddu galeessa qorannoo qonna sinaanaatti qorataaf dursaan garee fooyya’iinsa midhaanii obboo Geetaachoo Assaffaa gama isaaniitiin jiddugalich oomisha qamadii godinichaa bifa itti fufiinsa qabuufii milkaahaa taheen oomishuuf moosee marsaa midhaanii jiddu galchuun murteessaa dha jedhan.

Sanyiileen harawa koree sanyii lakkiftuu biyyalessaatiin erga gamaagamamee booda bu’a qabeessa tahuun isaanii mirkanaahee gadi lakkifaman kunniin mooseefii qamadii tahuus himanii jiru.

 Sanyii moose “Wabii” maqaa jedhu kan moggaafameef yoo tahu kan qamadii ammoo “Haacaaluu” maqaa jedhu moggasuun gootni sabaaf wareegames bara baraan onnee sabaa keessa kan jiraatu tahuu qabatamaan mirkaneessaniiru.

Akka obboo Geetaachoon jedhanitti sanyiileen qorannoon gadi lakkifaman kunneen dhibee waagii dandamachuun cinaatti jiddu galeessaan oomishtummaan isaaniis lafa qorannoo irratti kan moosee heektaararraa irraa hanga kuntaala 400 kan kennuufii kan qamadii ammoo kuntaala 61 kennuu akka dandahan qorannoon mirkanaahuu himan.

obboo Muhaammad Bariisoo Hojii geggeessaan Jiddugaleessa qorannoo qonna sinaanaa akka jedhanitti qorannoon qonna sinaanaa teeknooloojiiwwan akaakuu midhaan nyaataatiifii nyaata loonii gara garaa haarawa qorannoon maddisiisuuf madhaqsuun omishaaf oomishitummaa dabaluun fayyadamummaa qonnaan bulaaf horsiisee bulaa mirkaneessuuf hojjachaa jira jedhan.

Teeknooloojiiwwan qonnaa qorannoon baasuun qofti galma miti kan jedhan obboo Muhaammad Bariisoo qonnaan bulaa itti fayyadamu biraan gahuun oomishitummaafii galii jireenya isaa ittiin utubu akka argatuuf xiyyeefannoon hojjatamaa jiraachuus himan.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015