Yeroo qorannoo dabalataa poolisiin obbo Iskindir Naggaafaa irratti gaafate manni murtii kuffise

79

Finfinnee Hagayya 2/2012(TOI)- Poolisiin dhimma warra yakkaan shakkaman  Iskindir Naggaafaa qoratu  yeroo qorannoo dabalataa gaafatee manni murtii kufaa godhe.

Abbaan Alangaa galmeen qorannaa jalqabaa banuun yeroon beellamaa akka kennamuuf gaafate.

Manni murtii sadarkaa duraa federaalaa ramaddii dhaddacha lidataa ,dabareen yakka araadaatti obbo Iskindir Naggaafan dhihatanii dhimmi isanii ilalamee jira.

Poolisiin dhimma jara kanaa qoratu dhimmoota guyyoota 9 darbetti waan qoradhe jedhe dhaddachaaf ibsee jira.

Ragaalee adda addaa sassaabuu fi miidhaa biiroo geejjiba finfinnee fi abbaa taayitaa daandilee magaala finfinnee irraa hamma balaa gahee raga agarsiisu walitti qabadheen jira jedhe.

 Mana murtii irraa ajeja baasuun hoospitaala qiddus phawlos irraa bu’aa qorannoo reeffaa taasisuun garee isaanii kanneen biro qabuun akkasumas yaada ragaalee 37 dhageeffachuun ragaalee sanadaa kan biro walitti qabuu beksise.

Ta’us hojiin meeshaalee elektirooniksii hiika itti kennuu,warra yakkaan shakkaman biroo adda baasuu,jeequmsa finfinnee keessatti ka’ee lubbuu namootaa darbe raga qorannoo reeffaa ,shakkamtoota gocha kanaaf gurmeessan qabuu fi qorachuu balaa dhaabbilee dhuunfaa fi mootummaa irra gahe baruun kan isa hafu ta’uu ibsee jira.

Poolisiin dhimmicha qoratu yeroon qorannoo dabalataa 14 akka isaaf kennamu gaafate.

Abukaatonni shakkamtootaa dhimma maamila isanii ilallateen raga argachuu miidiyaan ibsaa turuu yaadachiisuun guyyaan beellamaa dabalataa akka hin kennamne gaafatan.

Shakkamaan yakka hojjettee jirta jedhamee amanuuf ragaan akka hin jirres ibsan.

Sababni mirga wabii dhorkisiisu akka hin amansisnes ibsuun maamilli isaanii wabiin akka hiikamu gaafatan.

Poolisiin qoratu shakkii ol ragaalee sassaabuu ibsuun,raga dabalataa sassaabuuf guyyaan akka dabalamuuf gaafate.

Shakkamtoonni hokkoraaf sadrkaa kutaa magaalaa hanga qaxanaa kanneen gurmaahan yoo ta’u balaan gahe bal’aa ta’uu,lubbuu balleessuu fi qabeenya barbadeesuun akkasumas ragaan bilbila isaanii irraa argame waan haaraa waan agarsiisuuf poolisiin qorannoo dabalataa taasisuuf yeroo gaafate.
dhaddachi bitaf mirgaa ilaalee poolisiin yeroo armaan dura kennameefin hojjetaa turuu yadachiisuun yeroo qorannoo dabalataa gaafatame kufaa godhe.

Yaada abbaan alangaa dhiheesse qorannoo duraan adeemsicha itti fufsiisuuf hagayya 5,2012tti beellama kennee jira.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015