Guutaamuun bishaan marsa duraa hojjettotaa hidhichaaf haamilee ta’ee jira - ENA Afaan Oromoo
Guutaamuun bishaan marsa duraa hojjettotaa hidhichaaf haamilee ta’ee jira
Finfinnee Hagayya 1/2012(TOI)- Guutamuun bishaan marsaa duraa hidha haaromsa guddicha itoophiyaa ogeeyyii ijarsa hidhichaa irratti hirmaataa jiraniif galaa fi haamilee akka ta’e Gorsaan Ministeera Bishaan Jallisii fi Eletiriikaa obbo Mootummaa Maqaasaa himan.
Hidhni kun walakkeessa bara 2013 irraa eegalee humna maddisiisuu eegalas jedhame.
Obbo Mootummaan marii gaazexaa Addis Zaman waliin taasisaaniin, marsaan duraa guutinsa bishaan hidha haaromsa xumuuramuun hojjjettooota hidhicha ijaaraa jiraniiif galaa haamilee jabaa ta’eef jedhan.
Ijaarsi hidhichaa hafe akka ariifatuuf haamilee guddaa ta’eeras jedhan.
Marii hidhichaa irratti biyyoota waliin godhamu keessayis ta’ee alaa rakkooleen hedu mudachuu kan eerga obbo Mootummaan ,gufuuwwan kana hunda darbuun bishaan marsaa duraa milkaahinaan guutamuun uumata itoophiyaafis ta’ee hojjettoota hidhichaaf gammachuu guddaa uume jedhan.
Hidhichi deegarsaa fi liqiin otoo hin taane lammiilee itoophiyaa alaafi keessaa gumachanii fi bajata mootummaan pirojektii ijaaramaa jiru ta’uu dubbachuun, hanga xumuura hidhichaatti gumaacha isanii akka itti fufuu qaban dhaaman.
Hidhni kun dhimma siyasaa otoo hin taane dhimma eenyummaa wan ta’eef namuu daandii siyaasaa qabateen pirojekticha irratti garaa garummaa agarsiisuu akka hin qabne dubbatan.
Asiin dura masriif sudaan dhima guutinsa bishaanii irratti marii geggeessaa turuu isaanii himuun ,masriin hidha itoophiyaan kana booda laggeen abbayyatti dabalaman irratti hojjettu beekuun qaba yaanni jedhu dhimma marii keessa akka galu maricha rakkisaa goote jedhan.
Marsaa duraan bishaan metirkuubii miliyoona 4.9 qabchuun danda’amuu ibsuun, bara baajataa 2013 walakkeesa tarbaayinoonni lamaan MW 750 akka maddisiisu sochiin godhamaa jiraachuu dubbatanii jiru jechuun. EPI beksisee jira.