Karoorri Ityoophiyaa damee geejjiba Baaburaan Afriikaa Bahaatti adda duree taasisuuf qophaahe - ENA Afaan Oromoo
Karoorri Ityoophiyaa damee geejjiba Baaburaan Afriikaa Bahaatti adda duree taasisuuf qophaahe

Finfinnee, Adoolessa 29/ 2012 (TOI) –Karoora misooma waggaa 10 kessaatti Ityoophiyaa damee geejiba Baaburaatiin Afriikaa Bahaatti adda duree taasisuuf karoorfamuu ibsame.
Dhaabbileen Ministeera Geejjibaa jala jiran karoora misooma waggaa 10 dhiyeessuun irratti mari’atamaa jira.
Abbaan Taayitaa Dhimmoota Maariitaymii,Abbaan Taayitaa Geejibaa Federaalaa fi Waldaan Aksiiyoonii Baaburaa Itiyoo-Jibuutii karoora misoomaa waggaa 10 dhiyeessanii jiru.
Buufata gogaa misoomsuun damee dhuunfaa biyyaa keessaa qofaaf osoo hin taane, abbootii qabeenyaa biyyaa alaatifis banaa ta’uu karorfamuutu himame.
Waggoota kurnan kana keessatti sirna Loojastiksii ammayyeessuun raawwiin loojastiksii idil-adduunyaa sadarkaa 126ffaa amma irra jiru irraa gara sadarkaa 40ffaatti ol guddisuuf karoorfamuu ibsame.
Daayreektarri olaanaan Waldaa Aksiiyoonii Baabura Itiyoo-Jibuuti Injiinar Xilaahuun Sarakkaa, karooraa misooma waggaa 10 keessatti Ityoophiyaa damee geejjibaa babuuratiin Afriikaa Bahaatti adda duree taasisuuf karoorfamu ibsan.
Waggoottaan kurnan dhufan keessatti kenniinsa tajaajila hawaasaa fi itti fayyadama teeknooloojii fooyyeessuuf qindoominaan hojjechuuf karoorfamuu daayreektarri olaanaan Abbaa Taayitaa Geejjiba Federaalaa obbo Abdiisaa Yaadataan dubbatan. Maddi Ministeera Geejjibaati.