Bara 2013 keessa kenniinsa tajaajila mootummaa irratti jijjiirrama bu’uuraa fiduun dhimma ijoodha – Injiinar Taakkalaa Uumaa

84

Finfinnee, Adoolessa 29, 2012 (FBC) – Magaalaa Finfineetti bara 2013 keessa kenniinsa tajaajila mootummaa irratti jijjiirrama bu’uraa fiduun hojii ijoo ta’uu kantiibaa itti aanaa magaalaa Finfinnee Injiinar Taakkalaa Uumaan ibsan.

Leenjiin ogeeyyii dhaabbilee olaanoo Biiroo Paabliik Sarvisii bulchiinsa magaalaa Finfinnee jalatti argamaniif guyyoota sadiif kennamaa ture xumuurame.

Xumura leenjichaa irratti kan argaman itti aanaa kaantibaan magaalaa Finfinnee Injiinar Taakkalaa Uumaa bara baajataa kana hanqinoota kenniinsa tajaajilaa furuun dhimma ijoo ta’uu ibsaniiru.

Tajaajjilli jiraattoof kennamaa jiru hanga tokko fooyya’aa dhufus , kana caalaa fooyyeessuun dirqama ta’uu himanii jiru.

Jijjiirrama barbaadamuuf ogeeyyii fi hoggantoonni caasaa Paabliik Sarvisii jala jiran ga’ee olaanaa taphachuu qabu jedhan.

Bara baajataa kana tokkoon tokkoon ogeeyyii hawaasa isaaniif tajaajila ga’umsa qabu laachuuf of qopheessuu akka qaban ibsaniiru.

Hojjetoonni mootummaa magaalichaa kumni 65 ol yeroo itti aanuu leenjii kana kan fudhatan ta’uu ibsame.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015