Mariin dhimma hidha guddichaa biyyoota sadan gidduutti geggeeffamu har’a itti fufa

56

Finfinnee, Adoolessa 27/2012 (TOI) –Mariin  biyyoota sadeenii  Hidha Haaromsaa adda citee ture har'a itti fufa.

Mariin Gamtaa Afrikaatin duurfamuu fi yeroof adda citee ture, har'a kan itti fufu ta'uu Ministeerri Bishaan, Jallisii fi Inarjii fuula fecbook isaan beeksiseera.

Mariin hoggantummaa gamtichaatin guyyootii 11f gaggeeffamaa ture torbee lamaan dura adda citee ture.

Torbeen dura itti fufuuf karoorfamee kan ture ta'us, Sudaan torbee tokko booda naaf yaata'uun gaaffii dhiyeessiteen torbee tokkoof achi siqe.

Mariin adda citee tures har'a waaree boodaa eegalee, torbee tokko itti aanuf kan itti fufuun gaggeeffamu ta'a.

Mariin kun akkaataa marii kanaan duraatin gabaasa hoggansaaf dhiyaaten kallattii kaa'ameen kan itti fufu ta'a.

Marichi bifa fayyadamtummaa waloo mirkaneessen akka xumuramu Ityoophiyaan ni hojjettis jedhameera.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015