Kantiibaa ittaanaan magaala finfinnee Injinar Taakkalaan Namoota dhaabbii biqiltuu irratti hirmaatanif galata galchan

74

Finfinnee Adoolessa 27/2012(TOI)- Magaalaa finfineetti guyyaa tokoon biqiltuu miliyoona 2 dhabuuf karorfamee miliyoona 2.4 dhaabbamee jira jedhan injinar Taakkalaa Uumaa.

Biqiltoota dhaabaman keessa harki 30 biqiltuuwwan nayaataaf oolan yoo ta’u kan hafan harki 70 immoo biqiltoota eegumsa naannoo fi biyyoo akkasumas midhaginaaf kanneen oolani jedhame.

Dhaabbii biqiltuu kana irratti jiraattonni magalatti miliyoni 1 ol hirmaatan.

Deeggartoni kilaboota bunaa fi gorgisii,waldaaleen taaksii,barattoonni,dipilomaatoonni,dhaabbileen amantaa,anga’oota magaalaa fi federaalaa fi hawaasni biroos hirmaatanii jiru.

Guyyaa tokkotti biqiltuu miliyoona 2 dhaabuuf wamicha godhame hordofuun warra hirmaatan,warra qindeessanii fi hogganan Kantiibaa Ittaanaa Taakalaa Uumaa galateeffatanii jiru.

Hawaasni biqiltuu dhaaban kana bishaan obaasee kunuunsuun gahee ashaaraa magariisaa akka bahu injinar taakkalaan waamicha dhiheesanii jiru. Maddi Waajjira kantiibati.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015