Ministirri Muummee Dr Abiyyi Ahimad maatii isaanii waliin biqiltuu dhaaban.

127

Finfinnee Adoolessa 26/2012(TOI)- Dr Abiyyi Ahimad maatii isaanii waliin mooraa mana barumsa bultii addaa shamarranii keessatti barattoota waliin biqiltuu dhaabaniiru.

Magaalaa Finfinneetti saganta Ashaaraa Magariisaan guyyaa tokkotti biqiltuu miiliyoona 2 kutaa magaalichaa hunda keessatti dhaabamaa oole.

Dr Abiyyi Ahimad qaamoolee guyyaa kana magaalaa Finfinneetti sagantaa dhaabbii biqiltuu kanarratti hirmaatan galateeffataniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015