Yunivarsiitiin sayinsiif teknooloojii Adaamaa barsiisota lamaf pirofesara guutuu kenne - ENA Afaan Oromoo
Yunivarsiitiin sayinsiif teknooloojii Adaamaa barsiisota lamaf pirofesara guutuu kenne

Finfinnee Adooleessa 25/2012(TOI)- Yuunivarsitiin saayinsii fi teeknolojii Adaamaa barsiisota lamaaf piroofersera guutuu kenne.
Yuunivarsitiin saayinsii fi teeknolojii Adaamaa hojii baruu fi barsiisuun cee'umsa teeknolojii Itiyoophiyaan qabattee milkeessuuf hojjetaa jirtu irratti humna namaa oomishaa jira.
Yuunivarsitichi gulantaalee garaagaraan Digirii mjalqabaa hanga pirooferserummaattis barsiisuun eebbisuuf eegaleera.
Guyyaa har'as,barsiisota yuunivarsitii saayinsii fi teeknolojii Adaamaa lama piroofeesera guutuun eebbiseera.
Piroofeesera guutuun yuunivarsiticha keessaa kanneen eebbifamanis,piroofeeser Asaffaa Abbaa Muunaa fi piroofeeser Amaan Dhaqqabooti.
Pireezidaantiin Yunivarsiitii Saayinsiif Teknooloojii Adaamaa Dr.Lammii Guutaa,yuunivarsitiin keenya hojii cee'umsa teeknolojii fi tiraanisfoormeshinii cimsuuf hojjetaa jiruun hanga yoonaatti sadarkaa PHD'n namoota 30 eebbiseera jedhan.
Kanaan cinatti immoo yeroo jalqabaaf piroofesera guutuun barsiisota lama eebbiseera.
Fuuldurattis hojii baruu fi barsiisuu cimsuuf yuunivarsitiiwwan biyyoota gara garaa waliinis jabinaan hojjetaa jiraa jedhan.
Eebba piroofeserummaa guutuu kana irratti Kan argaman,Daarektera olaanaa Ejensii Odeeffannoo fi Tika Nageenya Biyyaalessaa fi hoji geggeessaa olaanaa bordii Yunivarsiitichaa Dr.Shuumatee Gizaaw,yuunivarsitiin Kun hojiiwwan qorannoo biyyaf ooluu dandaa'an Kan dhaabbilee barnootaa garagaraa hojjetaniini cinatti addatti akka hojjetuuf deeggersa barbaachisaa ni taassifanaa jedhan.
Kanneen har'a eebbifamtan immoo dhaloota borii qaruu irratti jabaachuu qabduus dhaaman. Maddi OBN.