Komishiniin Gumuruuka Itoophiyaa meeshaalee birrii miliyoona 37tti tilmaamamu naannoo Benishangulgumuuzif kenne

119

Komishiniin Gumuruuka Itoophiyaa meeshaalee birrii miliyoona 37tti tilmaamamu naannoo Benishangulgumuuzif kenne

Finfinnee Adoolessa,23/2012(TOI)- Komishiniin Gumuruukaa weerara koronaan walqabatee lammiilee miidhaa diinagdeen hubamuu malan deeggaruuf meeshaalee birrii miliyoona 37.1 baasan deegarsaan kenan.

Deegarsa kana wayta keellaa damee waajjira Asoosaa banu kenne.

Deegarsicha ministeera nmaallaqaa obbo Laaqaa Ayyalawtu pirezedaantii naanichaa obbo Ahsdlii Hasaniif kenne.

Ministirichi akka jedhanitti deegarsi kun weerara koronaan miidhaa mgahu hirrisuufi.

Biyyi hiyyummaa keessaa baatee gara guddinaa akka imaltu humna qindaahaa barbaachisa jedhan.

Hidha haaromsaa naannoo benishanguliti argamu uummanni naannichaa akka ija isaanitti eeguu qabus jedhan.

Hidhichi hiibboo warra gurgurameeraa jedhuu seenaa taasisuun saggoo diinotaa kan cabses jedhan.

Pirezedaantin naanichaa obbo ashadlii hasan mootummaan naanicha namoota sababa koronaan midhaan irra gahe deegaraa turuu dubbatan.

Deeggarsa taasifameefis galateeffatani jiru.

Deegarsi kun qaamolee dhimma ilaallatu bira akka gahus gahee keenya nibaana jedhan.

Komishinarri komishinii gumuruukaa Dabalee Qaabataa lammiilee sababa gara garaan rakkoo irra bu’na deegaruun gahee hawasummaa bahaa jira jedhan.

Deegarsi taasifame,uffata,zayita nyaataa,sukkaaraaf kanneen birooti.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015