Piroojektii Qindaa'aa Gumaata Caffee Tumaa Bulchiinsa Godina Addaa Oromiyaa Naannawa Finfinneerratti leenjiin Kennamaa jira

65


Adooleessa 23/2012(TOI)-Kaayyoo hundeeffama Piroojektii Qindaa'aa Gumaata Caffee Tumaa Bulchiinsa Godina Addaa Oromiyaa Naannawa Finfinneerratti leenjiin hubannoo uumuu bulchiinsa godinichaan kennama jira.
Leenjichi Dargaggoota, dubartoota,hojjetoota mootummaafi jiraattoota Godinichaafi Bulchiinsa Magaaloota Godina Addaa Naannawa Finfinnee hunda keessaa walitti babahaniif Galma Jiddu Gala Aadaa Oromootti kennamaa jira.
Piroojektichis Birrii Biiliyoona 3 kan hundeeffame yoo ta'u barnoota,fayyaa,bishaan, carraa hojii uumuu,kunuunsa bosonaafi bu'uraalee misoomaa hojjechuuf karoorfamee kan hundaa'eedha.
piroojektiin kun manneen barnoota bultii addaa ijaaruufi Glma jidda Gala Aadaa Oromoo Tuulamaa ijaaruufis kan karoorfame ta'uu leenjicharratti ibsameera.maddi OBN.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015