Hawaasni Musliimaa wayta ayyaana Arafaa kabaju weerara covid-19 irraa of eeguun ta'uu akka qabu dhaammame

134

Finfinnee, Adoolessa 22/ 2012 (TOI) – Hawaasni Musiliimaa ayyaana Arafaa yeroo kabaju weerara vaayrasii koroonaa irraa of eeggannoo cimaa taasisuu akka qabu Manni Maree Waliigala Dhimmoota Islaamummaa Ityoophiyaa beksise.
Preezdaantiin Mana Maree Waliigala Dhimmoota Islaamummaa Ityoophiyaa dursaa muftii Umur Indiriis kabaja ayyaana Arafaa ilaalchisuun ibsa laataniiru.
Hawaasni musiliimaa ayyaana Arafaa yeroo kabaju weerara vaayrasichaa ittisuuf dhorkamoota gama amantichaan taa’ee fi labsii yeroo ariifachiisaa kabajuun ta’uu akka qabu ibsanii jiru.
Hordoftoonni amantichaa weerara vaayrasii koroonaa ittisuuf hojii cimaa hojjechuu akka qaban yaadachiisaniiru.
Ayyaanni arafaa bara kanaa yeroo kabajamu haala kana dura barameen iddoo tokkotti walitti qabamuun osoo hin taane wantoota weerara vaayrasii koroonaa ittisuuf gargaaraan raawwachuun ta’uu akka qabu himaniiru.
Hawaasni musiliimaa ayyaana kana yeroo kabaju namoota rakkatan gargaaruu fi kanneen dhukkubsatan gaafachuun kabajuu akka qaban waamicha dhiyeessaniiru.
Iddoo jiranitti kadhannaa taasisuun ayyaanicha kabajuu akka qabanis ergaa dabarsaniiru.
Preezdaantiin Mana Maree Waliigala Dhimmoota Islaamummaa Ityoophiyaa hajii muftii Umur Indiriis hawaasa musiliima hundaan baga ayyaana Arafaa waggaa 1441ffaan isin ga’es jedhanii jiru.
Ayyaanni Arafaa waggaa 1441ffaan Jimaata dhufu sirna hoo’aa ta’een kan kabajamu ta’uu ibsaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015