Akka naannoo Oromiyaatti guyyaa boruu biqiltuu miliyoona 300 fi miliyoona 4 dhaabuuf qophiin xumuurame

142

Finfinnee Adoolessa 21/2012(TOI)- Adooeessa 22,2012 guyyaa tokkootti biqiltuu miliyoona 300fi miliyoona 4 dhaabuuf qophiin barbaachisu hundi xumuramuu Biiroo Qonnaa fi Qabeenya Uumamaa Oromiyaa beeksise.

Ibsicha kan kennan Hogganaan Biiroo Qonnaa fi Qabeenya Uumamaa Oromiyaa Obbo Dhaabaa Dabalee, akka Naannoo Oromiyaatti sagantaa ashaaraa magariisaa kaa'uu bara kanaatiin biqiltuu biliyoona 3.5 dhaabuuf karoorfamee hojii hojjetameen hanga yoonaa biqiltuun biliyoona 2.3 dhaabamuu isaa ibsaniiru.

Sagantaa guyyaa tokkootti biqiltuu hedduu dhaabuu ,Adooleessa 22,2012 biqltuun miliyoona 300 fi miliyoona 4 gandoota  Oromiyaa 6000 keessatti kan dhaabamu ta'uu ibsaniiru.

Sagantaa kana milkeessuufiis qophiin biqiltuu fi boolla biqiltuun keessa dhaabbatu xumuramee jira jedhan.

Hawaasni akka kanaan duraa iddoo tokkootti baaya'achuun osoo hintaane karaa bittinaa'aa ta'een weerara dhibee vaayirasii Koronaa irraa of eegaa dhaabbii biqiltuu kanaa irratti hirmaachuu akka qabu obboo Dhaabaan ergaa dabarsaniiru.

Dhaabbiin biqiltuu kun guyyaa boruu barii sa'atii 12:00 irraa eegalee hanga galgala sa'atii 12:00tti kan dhaabamu akka ta'es ibsaniiru.

Naannoo Oromiyaatti bara darbe dhaabbii biqiltuu guyyaa tokkootiin biqiltuu miliyoona 200 fi miliyoona 11 dhaabuun riikardii cabsuu isaa kan yaadachiisan obbo Dhaabaan guyyaa boruus qaamooleen hawaasaa hundi hirmaannaa cimaa gochuun bara kanas rikardii haaraa galmeessisuun akka danda'amu ibsaniiru. Maddi OBN.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015