Obbo Baqqalaa Garbaa irratti guyyaan qorannaa dabalataa 8 eeyyamame.

108

Finfinnee, Adoolessa 21/ 2012 (TOI) – Obbo Baqqalaa Garbaa irratti guyyaan qorannaa dabalataa 8 eeyyamame.

Manni Murtii Sadarkaa duraa Federaalaa kaleessa dhimma obbo Baqqalaa Garbaa kan ilaale yoo ta'u, poolisiidhaf guyyootii qorannaa dabalataa 8 eeyyamee jira.

Poolisiin kanaan dura guyyootii qorannaa 11 laatameefii tureen hojiilee hojjete Mana Murtii Sadarkaa Jalqabaa Federaalaa dhaddacha ramaddii Lidataa; dabaree yakkaa Araadaaf ibseera.

Dhaabbilee 3 qofarratta  miidhaa qaqqabeen qabeenyi Birrii miiliyoona dhibba 1 fi miiliyoona 66 baduu ragaa argadheera jedhe poolisiin.

Burraayyuutti lubbuun namoota 4 darbuu, namoota 4 irra ammoo miidhaan qaqqabuu; qabeenyi Birrii miiliyoona 7 barbadaa'uunis ibse.

Garicharraa shugguxoota argaman 7 keessaa 2 kan obbo Baqqalaati kan jedhe qorataan poolisii, aamma ammaattis ragaalee namoota 50 dhaggeeffachuu beeksiseera.

Kutaalee bulchiinsa magaalaa 5 keessatti dhaabbilee adda addaa irratti miidhaan qabeenyaa Birrii miiliyoona dhibba 2 olii gahuun ibsameera.

Miidiyaaleen walitti bu'iinsi amantaa fi sabummaa akka uumamu kakaasaa turanis jedhe.

Obbo Baqqalaan gama isaanitiin poolisiin akka yaada irraa hin fuudhin himanii, yakki ittiin shakkaman na hin ilaallatu jedhanii jiru.

Poolisiin shugguxiin takka manatti, takkaa ammoo konkolaataa keessatti argame kan jedhe, reeffa ugguruu fi karaa biraatin ammoo reeffi akka hin dabarre bilbilaan dhoorkuu yaadni jedhu kan waldhahu ta'uu manni murtii naaf yaa hubatu jedheera.

Abukaatoon shakkamtootaa manni murtii maamiltoota isaanii wabiidhan akka gadhiisu gaafataniiru.

Manni murtiis bitaa mirga dhaggeeffachuudhan, guyyaa qorannaa dabalataa 8 eeyyamuun Adoolessa 28,2012 beellama jijjiirramaa laatera.

Araafaat Abubakarii fi Addisuu Tolosaafaa irratti ammoo guyyootii qorannaa dabalataa eeyyamuun, Hagayya 1,2012tti beellama jijjiirramaa qabeera.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015