Rakkoof qormaataalee nu mudataniiif furmaata waara yeroo itti kenninu keessa jirra jedhan Afayaa’iin Caffee Oromiyaa

184

Finfinnee  Adooleessa 18/2012(TOI)- Caffeen Oromiyaa Walgahiin Idilee 12ffaa, Waggaa 5ffaa, Bara Hojii Caffee 5ffaa isaa taa'aa jira.

Af Yaa'iin Caffee Oromiyaa Adde Loomii Badhoo hasawaa baniinsaa taasinsaniin, Yaa'ii Caffee Oromiyaa 12ffaa kan taa'amu yeroo baayyee murteessaa jijjiirama biyyaa fi naannoo eegalle milkeessuuf itti tattaafannutti humnoonni badii ammoo humna qaban hundaan nurratti duulanii yeroo qormaatilee fi rakkooleen nu qunnaman furmaata waaraa kennuuf ciminaa hojjetaa jirruu jedhan.

Kana malees yeroo bu'aalee galmeessine tikfachaa hojiilee gurguddoo imala gara badhaadhinaatti jalqabne itti fufsiisuuf caalmaatti gahumsaan itti raawwataa jirruu jedhan.

Weerara dhibee koronaa Addunyaa mudateen walqabatee of eeggannoo ummanni gochuu qabu irratti Caffeen ergaawwan adda addaa dabarsuun hawaasani dhibee kanarraa akka of eeggatu hojjetaa tureeraa jedhan.

Weerara Covid-19 walqabatee dhibbaa dinagdee hawaasarra gahu ittisuuf hojiin deeggarsaa hojjetameera.

Kenna tajaajila lammuummaa ilaalchisee qulqullina naannoo eeguu manneen haraka qalleeyyii ijaaruu , biqiltuu bara darbe dhaabaman kunuunsuu fi kanneen biroo hojiilee fakkeenyummaa qaban hojjetamanii jiruu jedhan.

Raawwii kenna tajaajila lammummaa kan madaaluu qabnu baayyina namoota hojii kanarratti hirmaatanii fi maallaqa baasiirraa hanbifneen osoo hin taane hojiileen kunneen duudhaa Oromummaa dagaagsuu, aadaa hojii keenyaa cimsuu, lammii qulqullummaan hojjetuu fi kallattii hundaan dorgomaa ta'e horachuu ta'uu qabas jedhan.

Bara kana Naannoon Oromiyaa dhibee Covid-19 dabalatee rakkoolee nageenyaa mudataa turaniinis raawwiin hojiilee misoomaa baayyeen jajjabeessaa ta'uu Adde Loomiin himaniiru.

Kunis hoggansi, caasaan sadarkaan jiruu fi uummanni karaa qindaa'ee fi kutannoon hojjennaan karoora qabame karaa olaanaan fixaan baasuu akka danda'amu kan mirkaneesse jedhan.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015