Manni murtii obbo jawaar muhamad irratti poolisii qoratuuf guyyaa dabalataa 13 eyyame

128

Finfinnee Adoolessa 10/2012(TOI)- Yakkaan shakkaman jedhamanii harka poolisii kan jiran obbo Jawaar Muhamad irratti qorataa poolisiif manni murtii guyyaa qorannoo dabalataa 13 ayyame.

Mana murtii sadarkaa tokkoffaa federaalaa dame lidataa dhaddacha yakkaa araadaan dhimmi isaanii ilallamee jira.

Gareen  qorannoo yakkaa poolisii federaalaa guyyoota 14 darban qorannoo geggeesse jedhe dhiheessee jira.

Qorataan poolisii addadurummaan walitti bu’iinsa sabaaf amnataa bu’uura godhate kakaasuu kan jedhuu fi reeffi Artist Haacaaluu humnaan gara waajjira paartii badhadhinaa oromiyaa akka galu godhanii jiru jechuun hubachiisan.

Sababa Kanaan poolisiin tokko du’ee kanneen hafan sadi akka madaahan ta’ee jiras jechuun ibsan.

Kun immoo ajeja shakkamaan akka ta’e ibsan. Kanaafis ergaa bilbilaa jeequmsa kaasu dabarsuu argadheera ,yaada ragaales walitti qabadheen jira jechuun ibsa.

Meeshaan shakamaan waliin toohatame hundinu seeraan ala jechuunis qorataan poolisichaa ibsanii jiru.

Gareen qorannoo dabalataa 14 hundaa’ee qorannoo dabalataa geggeessaa jiraachuus ibsee jira.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015