Ameerikaan dhimma Hidha Haaromsaa irratti ejjannoo bilisaa qabaachuu qabdi jechuun senataroonni Ameerikaa waamicha dhiheessan - ENA Afaan Oromoo
Ameerikaan dhimma Hidha Haaromsaa irratti ejjannoo bilisaa qabaachuu qabdi jechuun senataroonni Ameerikaa waamicha dhiheessan
Finfinnee Waxabajjii 22/2012(TOI)- Ameerikaan dhimma Hidha Haaromsaa Itoophiyaa iratti ejjennoo bilisaa akka qabaattu miseensonni Senaataroota lamaa hogganaa maallaqa biyyattiif xalayaa barressan.
Senatarri Koor Bukarifi senator Kiristofil Kuunsi itti gaafatamaa diinagdee Ameerikaa Istevan Manushaanif xalayaa barressaniif biyyi isaanii marii Sudaan,Ijiptii fi Itophiyaa gidduutti geggeffamu irratti ejjennoo bilisaa akka qabaattu gaafatan.
Itoophiyaan humna ibsaa madisiisuun hiyyummaa keessaa bahuuf ofii isheef socho’aa kan jirtu ta’uu kan ibsan senataroonni kunnen ijaarsi kun yaaddoo nagaa gaanfa Afrikaa fi rakkoo dipilomaasii biyyoota kanaa ta’aa jira jedhan.
Ameerikaan qaxanaa kanatti nagaa fi tasgabbiin akka dhufu sababa guddaa ta’uu qabdi kan jedhan Senataroonni kun marii biyyoonni sadan godhan rakkoo isaanii karaa dipilomaasiin akka xumuuramu jajjabeesuu akka qabdu yaadachiisan.
Itoophiya, Sudaaniif Ijipti wal dhabdee gidduu isaanii jiru hiikuf gara Mana Maree Nageenyaa geessuun sirrii miti kan jedhan senataroonni kunneen gara fuula duraas biyyoota hunda duratti fudhatama kan qabu karaa haqaa fi sababa qabuun hojjechuu akka qaban gaafachuu isaanii EBC gabaase.