Karoora qajelfaama waggaa 10 qophaahe irratti mariyatamaa jira

294

Finfinnee Waxabajjii 22/2012(TOI)- karoora waggaa 10f qophaahe irratti waajjira Ministira Muummeetti mariyatamaa jira.

Komishinarri Komishinii  karooraa Dr.Fistum Asaffaa karooricha irratti ibsa kennan.

Karoorichi rakkoolee dame gara garaa amma dura ture irraa muuxannoo fudhachuun dhimmoonni biyyattii gara badhadhinatti ceesisuu danda’an kan keessatti hammatamani jedhan.

Karoorichi nama kan giddugaleessa godhate, qonna, fayyaa, barnootaa fi hariiroo adunyaa irratti kan xiyyeffate jedhan.

Kanaanis lammiileen fedhii isaanii kan ittiin guuttatan galii guddisuun tokko yoo ta’u kana milkeessuuf humna namaa, dhaabbilee cimsuun barbaachisaadha.

Barnoota, fayyaa fi kanneen biroo karaa walqixa ta’een diriirsuun qaama karorichaa keessaa tokko jedhame.

Lammiin hundi bishaan dhugaatii qulqulluu, nyaataa fi  bu’uuraalee misoomaa barbaachishisaa akka argatan gochuun galma karoorichaa isa ijoodha.

Lammiileen itoophiyaa sanyii, amantaa fi saalaan otoo hin daanga’in siyaas, diinagdee fi hawasummaa keessatti akka hirmaatan sirna hirmaachisu dirirsunis isa ijooti jedhan komishinarittiin .

Biyyattiin qabeenya albuuda lafa jala fi bishan lafa keessaa qabaattuus sirnaan itti hin fayyadamne kan jedhus ilalcha keessa galee jiras jedhan.

Turizimiin diinagdee biyyaa keessatti gahee olaanaa akka qabaatu ni hojjetama jedhan.

Humna qonnaa cimsuun xiyyeffannoo isa guddaa ta’uus dubbatan.

Hariiroo ardii fi qaxanaa cimsuunis ijoo karorichaa ta’uu ibsan.

Karooricha irratti ogeeyyiin dame Sanaa, qooda fudhattoonni irratti mariyachuun ni gabbisu jedhame.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015