Walitti dhufeenyi fi misoomni ummattoota Amaaraa fi Affaar cimee kan itti fufu ta’u Pireezidaantoonni naannoolee lameeni beeksisan

56

Dasee,Waxabajjii. 20/2012(TOI)- Walitti dhufeenyi fi misoomni ummattoota Amaaraa fi Affaar cimee kan itti fufu ta’u Pireezidaantoonni naannoolee lameeni beeksisan.
Mariin bakka bu’oota hawaasa naannoolee lameeni hirmaachise kun Yuunvaarsiitii Waallootti adeemsifaama ture guyyaa kaleessa xumurameera.
Maricha irratti Pireezidaantiin Naannoo Amaaraa Obbo Tamasgeen Xuuruunah, ummanni Amaaraa fi Affaar Aadaa fi duudhaa isaani adda hin baanee eguudhaan hawaasa obbolaa barootaaf walin jiraatanidha jedhan.
Haa ta’u malee yeroo dhiyoon booda qaamooleen tokko tokkoo qabeenyaa walini sababa taasisuun ummata naannoolee lameeni jeequuf caarraaqqii taasisaa jiru jedhaniru.
Piireezadantiin Naannoo Affaar obbo Awwal Arbaas, waltajjii dhiyeenyaa Komboolchaa fi Samaraatti gaggeeffamee irratti hanqinoonni akka sirra’aan, jabinni immoo akka ciimuu fi qaamolee walitti dhufeenyaa naannoolee lameeni jeequuf hojjatan irratti tarkaanfii fudhachuun naannoo daangaatti nageenya buusuun olaantuummaan seeraa ni kabajamas jedhaniru.
Marichaa irratti hoggaantoonni naannoolee lamaani, qaamooleen nageenyaa, gaggeessitooni Raayyaa Ittisa Biyaa Ajajaa Kaabaa Izzi Kaabaa akkasumas qaamooleen dhimmi ilaallatuu irratti hirmaataniiru

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015