Daandii Saffisaa Awutoobisii Magaalaa Finfinnee ,Jamoo Lakkofsa 2 hanga wiingeetiitti ijaarsi isaa jalqabsiifame

76

Finfinnee,Waxabajjii 20/2012(TOI)-Ijaarsa Daandii Saffisaa kanaa Ministirri muummee Dr.Abiyyi Ahimadii fi Itti aanaan Kantiibaa Bulchiinsa Magaalaa Finfinnee Injiinar Taakkalaa Uumaa Jalqabsiisaniiru.

Daandiin kun dheerina Kiiloomeetira 20 kan qabaatu yommuu ta’u kallaatii lamas qabaata jedhameera.

Daandiin Saffisaa Awuutoobisii Magaalaa kun Addis katamaa,Qiirqoos,fi Kolfeetti bakkee dhaabbii Awutoobisii ni qabaatas jedhameera.
Pirojektoonni Itiyoophiyaa Keessatti hojjetaman Maqaa qofaaf kan eegalaman osoo hintaane yeroo gabaabaa keessatti xumuramuun akka uummata tajaajilaniifi jedhan Ministiirri Muummee Itiyoophiyaa Dr.Abiyyi Ahimad.
Pirojektiin ijaarsa daandii geejjiba magaalotaa saffisiisu Magaalaa Sabbataafii Finfinnee gidduutti hojjetamu guyyaa har'aa bakka Ministiirri Muummee Itiyoophiyaa Dr.Abiyyi Ahimad jiranitti eegalamee jira.

Yeroo itti aanu proojaktiiwwan daandii saffisaa 20 ol hojjechiisuuf karoorfamuu Injiinar Taakkalaan ibsaniiru.

Bulchiinsi magaalichaa rakkoo geejjibaa furuuf geejjiba heddumataa ammayyeessuu fi guddisuuf kan hojjettu ta’uu himaniiru.

Proojaktoonnii kunneen qulqullinaa fi yeroo jedhame keessatti akka xumuramaniif xiyyeeffannoon kan hojjetamu ta’uu Injiinar Taakkalaan dubbataniiru.

Daandiin Saffisaa Awutoobisii Magaalaa kunis ijaarsi isaa yeroo Waggaa lamaa keessatti ni xumurama jedhameera.Ijaarsi Daandii Saafisaa Kun baasii birrii Biilyoona 5.9 kan fixu yommuu ta’u baasiin isaa Dhibeentaan 55 bulchiinsa Magaalaa Finfinneetiin kan uwwisamu yommuu ta’u kan hafemmoo Deeggarsa Mootummaa Faraansaay irraa argamuun kan hojjetamudha.

Dogoggorri ijaarsa Daandii Baaburaa Salphaa Kanaan dura magaalitti keessatti mul’achuun jirattoota magaalaa daandii bitaa fi miraagn jiran addaan baase akka irra hin deebi’amneef kallattiin ka’aameera.

Itti aanaa Kantibaa Bulchiinsa Magaalaa Finfinnee Injinar Taakkalaa Uumaa dubbii dubataniin Daandiin Saffisaa Awutoobisii kun pirojeektoota geejjiba uummataa babbal’isuu bulchiinsi magaalichaa hojjechaa jiru keessaa isa tokko ta’uus himaniiru.Magaalaaleen Naannoo Magaaliittii Jiran fayyadamoo akka ta’aniif Piroojektoonni biroos akka dabalamanis eeraniiru.

Yeroo itti aanuttis Gara Gooroo fi Burrraayyuu kan geessan Daandiin Saffisaa wal fakkaataan ijaarsi isaanii ni jalqabsiifama  jedhan Injiinar Taakkalaan.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015