Itiyoophiyaan Torbaanoota lamaan dhufanitti Ijaarsa hidhichaa hafe xumuruun Bishaan guutuu ni jalqabdi

90

Finfinnee,Waxabajjii 20/2012(TOI)-Itiyoophiyaan Torbaanota lamaan dhufanitti Ijaarsa hidha haaroomsaa guddicha hafe xumuruun Guutinsa bishaanii akka jalqabdu ibsi Waajjira Ministira Muummeerraa ergame ifoomse.Torbaanota lamaan kana keessatti Biyyoonni Sadeen :,Itiyoophiyaa,Sudaanii fi Ijiipti Waliigalteerra akka ga’an murteessaniiru.

Marii Guyyaa kaleessaa hooggantoota  Biiroo gamtaa Afrikaan taasifameen Haala guutinsa bishaanii Itiyoophiyaan hidha haaroomsaarratti taasiftuu fi Fayyadama bishaanii biyyoota sadeenii Sudaan,Itiyoophiyaa Ijiipti irratti marii’atameera.

Wal ga’ichi kan waamame Pirizidaantii Gamtaa Afrikaa yeroo ammaa kan ta’an Pirizidaantii Afrikaa Kibbaa Siriil Raamaafoosaatiin yommuu ta’u Biyoonni Itiyoophiyaa,Sudaan,Ijiiptii fi Biyyoonni miseensa ta’an Keeniyaa,Maalii,Dimookiraatik Koongoon irratti hirmaataniiru.

Hooggantoonni Biyyoota kanneenii Dhimmi laga Abayyaa fi hidha haaroomsaa guddichaa Itiyoophiyaan ijaaramaa jiru Dhimma Afrikaa waan ta’eef Furmaata Afrikaa irraa madduun akka furamuu qabus jala muranii irratti dubbataniiru.Dhimmicharratti biyyoonni sadeen Itiyoophiyaa,Sudaanii fi Ijiipti mariin isaanii sadrkaa maaliirra akka ture Ibsa irratti kennuun gara fuuladuratti kallattiin kaa’aameera.

Haala kanaanis haalli Bulchiisa hidhichaa fi guutinsa bishaaniirratti torbaanoota lamaan itti aananitti akka xumuramu walii galteerra ga’ameera jedha Ibsi Waajjirri Ministira Muummee.

Dabalataanis Gamtaan Afrikaa dhimmicha Ilaaluu jalqabuun Dhaabbata Mootummoota Gaamtoomaniitti Dhimma Nageenyaaf akka Ibsamu,Gamtaan Afrikaa fi Biiroon Gamtichaa dhimmicha akka deeggaru,Itiyoophiyaa,Sudaanii fi Ijiipti Jechoota walitti darbachuu fi Ibsa walirratti baasuurraa Akka of qusatan kallattiin taa’uun wal ga’iin addaa Hooggantoota kunneenii Xumurameera.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015