Itiyoophiyaa,Sudaanii fi Ijiipti Garaagarummaa Isaanii Karaa Nagaan akka hiikkataniif Gamtaan Afrikaa Deeggarsa barbaachisu hunda ni taasiisa.-Musa Faakii Mahimaat

99

Finfinnee,Waxabajjii 19/2012(TOI)-Itiyoophiyaa,sudaanii fi Ijiipti Garaagarummaa isaanii karaa nagaa fi maarii akka hiikataniif Gamtaan Afrikaa waan barbaachisu hundaa akka taasisu Dura taa’aan Komishinii Gamtichaa Muusa Faakii Maahimaati himan.

Muusa Faakii Mahimaat Kana kan jedhan Ministira Haajaa Alaa Obbo Gadduu Andaargaachoo waliin Waajjira isaaniitti marii taasisaniidha.

Obbo Gaadduunis Itiyoophiyaa,Sudaanii fi Ijiipti Dhimma Ijaarsa hidhaa haaroomsaa irratti hanga ammaatti mariiwwan irratti taasiisaa turanii fi ejjennoo Itiyoophiyaa Muusa Faakii Mahimaatiif Ibsaniiru.

Kana malees Itiyoophiyaan dhimma Bishaan Abayyaa irratti walii galtee ishee hin hirmaachiisne walii galiigaltee koloneeffattootaa akka hin fudhanne Obbo Gadduun ibsaniiruuf.Hidha Haaroomsaa guddichaaf guutinsi Bishaanii yeroo karoorfametti akka raawwatuufis waantoonni barbaachisn hundi raawwatamaa akka jiranis Obbo Gadduun himaniiru.

Itiyoophiyaan qabeenya uumammaasheetti fayyadamuun misooma ishee Ariifachiisuun Mirga ishee ta’uu yaadachiisuun Gamtaan Afriikaas kanrratti Deeggarsa taasiisuufii akka qabu beeksisaniiru.

Dura Taa’aan Komishinii Gamtaa Afrikaa Muusaa Faakii Mahiimat gama isaanii rakkoo Afrikaaf Furmaanni Afrikaa ta’uutti akka amanan ibsuun Gamtaan Afrikaas dhimma kanaaf kennuun akka hojjetu ibsaniiru.Gamtichi biyyoonni Sadeen garaagarummaa isaanii karaa nagaa fi mariin akka hiikkataniif waltajjii marii akka mijeessan himaniiru dura taa’aan komishinii Gamtaa Afrikaa Muusa Faakii Mahimaat jedha Odeeffaan Ministira haajaa aalaa Itiyoophiyaarraa argame.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015