Naannoo Gaambeelaatti lafti misoomaaf qonnaaf oole Naannicha Miidheera-Pirizidaantii Mootummaa Naannoo Gaambeellaa

74

Finfinnee,Waxabajjii 19/2012(TOI)-Naannoo Gaambeellaatti Lafti qonnaan babbal’aan qonnaaf jedhamee kenname qorannaa irratti kan hundaa’e waan hin taaneef fayyadamummaa diinagdee naannichaa miidheera jedhan Piriziidaantiin Mootummaa Naannoo Gaambeellaa Obbo Umood Ujuluu.Piriziidaantiin Mootummaa Naannoo Gaambeellaa turtii TOI waliin taasisaniin akka jedhanitti A.L.I tti Bara 2000 irraa kaasee Investaroonni lafa qonnaa naannicha keessaa akka fudhataniif eeyyamni kennameef danddeettii fi qabeenyi isaanii osoo hin sakata’amiin kenneef jedhan.

Naannichatti Lafti Heektaara Kuma 683 namoota Abbootii qabeenyaa jedhama kan biyya keessaa fi alaa 623 f dabarfameeras jedhan Piriziidaantichi.Haa ta’u malee qorannoo hanga bara 2009tti taasifameen lafti misoome dhibbeentaa 18 qofaadhas jedhan.Kunis Abbootiin qabeenyaa lafa kana fudhatan dargaggoota naannichaaf carraa hojii uumuu dhabuutiin Naannichi Faayidaa Diinagdee argachuu malu osoo hin argatiin hafeera jedhan Obbo Umood Ujuluu.Waggoota 10 dura lafti naannicha keessatti Abbootii qabeenyaaf kennamaa ture walitti dhufeenya karaa nagaa hin taane angawoota naannichaa fi Mootummmaa Federaalaa gidduu tureen ta’uus ibsaniiru.Kunis gidduu galummaa Mootummaa Federaalaa bal’inaan tureen”Ajaja  bilbilaan qofa lafti kennamaa tures “jedhaniiru.Yeroo sanatti akka Naannichaatti lafti heektaara 500 abbootii qabeenyaaf kan dabarfamu yommuu ta’u karaa mootummaa Federaalaa garuu kanaan ol kennamaa ture jedhaniiru Piriziidaantiin Naannoo Gaambeellaa. Kana malees bulchiinsi yeroo sana ture dhiibbaa Mootummaa Federaalaa jala waan tureef abbootii qabeenyaaf lafti kennamaa ture Kaartaan walirra bu’uun kan mul’ateefi Malaamaltummaaf kan saaxilames ture jedhaniiru.Namoonni fi angawoonni yeroo sanatti kana raawwachaa turan seera duratti dhiyaachuun akka gaafatamaniis taasifameera jedhu Obbo Umood.

Lafti Heektaarri kuma 284 fi 769 qulqullaa’ee osoo hin misoomiin hafe Murtoo mootummaan fudhateen  gara Baankii lafaatti akka deebi’us taasifameera jedhan.

Erga Jijjiramni dhufee boodas Nannicha keessatti hojiiwwan Hawwaasummaa,diinagdee fi siyaasaa irratti hojjetamanirratti  gidduu galaummaan Mootummaa Federaalaa akka hin jirres ibasniiru.

Abbootii Qabeenyaa 623 Naannoo Gaambeellaarraa lafa qonnaa babal’aa Inveestimantiin fudhatan keessaa abbootii qabeenyaa 360 ta’an eeyyamni isaanii haqamuun lafti isaan fudhatanii  tures akka deebi’u taasifameera jedhan Piriziidaantiin Mootummaa Naannoo Gaambeellaa Obbo Umood Ujuluu.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015