Itiyoophiyaatti Namooni dabalataa 141 vaayirasii koronaan qabamanii namoonni 3 immoo du’an

88

Finfinnee waxabajjii 18/2012(TOI) - Qorannoo Laaboraatoorii sa'aatii 24 darbe keessatti namoota 4675’f taasifameen namoonni dabalataa 141 vaayirasii koronaan qaban.

Namoonni haaraa 3 kan du’an yoo ta’u lakkoofsi hanga ammaa vayirasichaan du’anii 81 gahe.

walii galaan Itiyoophiyaa keessatti hanga amaatti namoonni  5175 Vaayirasii kanaan qabamaniiru.

Namoota har’a vaayirasii koronaan qabaman keessaa dhiira 81 fi dubartoota 60 dha.

Namoonni har’a Vaayirasii koronaan qabaman Umriin isaanii ji’a 2 hanga waggaa  87 gidduutti kan argaman yommuu ta’an namoonni 139 lammii Itiyoophiyaati.

Namoonni 2 imoo lamii biyya alaati jedhame.

Gama biraatiin guyyaa kaleessaa namni 58 vaayirasicha irraa dandamachuun lakkoofsi namoota dandamatanii 1544 gahee jira.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015