Qophii bajata Mootummaa Federaalaa kan bara 2013 irratti Mariyatame

69

Finfinnee Waxabajjii 18/2012(TOI)- Qophii bajata bara 2013 irratti koreen dhaabbi galii,bajataaf fayinaansii hoggantoota olaanoo ministera maallaqaa waliin mariyatan.

Wayta bajanni bara 2013 qophaahu raawwii bajata bara 2012 gamagammuun akkasumas dhiibbaa werari koronaa biyyaattii irraan gahe ilalcha keessa galchuun muuxannoo  injifannoo dinagdee yeroo dhihoo argame qindeessuun akka ta’e Detaan ministeera Maallaqaa Dr.Iyoooob Takkalling mana marichaaf ibsanii jiru.

Bara baajatichaatti bajata kaappitaalaa ,mootummoota naannolee fi galma misooma waaraaf waligalaan birrii biliyoona 476 ramaduu beeksise.

Dr.Iyyoob,bara bajaatichaatti bajata keessaa birriin biliyoonni 350 galii  biyya keessaa fi deeggarsa irraa walitti qabuuf karorfame jedhan.

Bajanni bara 2013 kan bara Kanaan walbira qabamee yoo madaalamu dabalii kan qabuu fi bajatichi seeraan akka hojii irra oolu hunduu gahee isaa akkabahu gaafatan.

Walitti qabduun koree kanaa aadde Lamlam Hadguu wixinee bajatichaa irratti itti fufuufn mariin ni godhama jedha odeeffannoon fuula fecbook waajjira Mana Maree Bakka Bu’ootaa.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015