Itiyoophiyaatti nammota dabalataa 186 irratti vaayirasiin koronaa argame

124

Finfinnee,Waxabajjii 17/2012(TOI) Itiyoophiyaaatti namoota dabalataa 186 irratti vaayirasiin koronaa argamuusaa Ministeerri Fayyaa beeksise.

Itiyoophiyaatti sa'aatii 24 darban keessatti namoota 4034'f qorannoon laaboraatoorii taasifameen namoota 186 irratti vaayirasiin koronaa argamuusaa, Ministirri Fayyaa Dr Liyaa Taaddasaa himaniiru.

Namoonni sadii dhibee kanaan yoo du'an, namoonni 74 dhibee kanarraa bayyanataniiru.

Itiyoophiyaatti hanga ammaatti namoonni 5,034 dhibee kanaan qabamusaanii Dr Liyaan ibsaniiru.

Walumaa gala namoonni 1486 dhibee kanarraa kan bayyanatan yoota'u namootni 78 immoo lubbuun darbee jira.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015