Manni Marichaa baajata bara 2012 irratti gamaaggama hojii gaggeessaa jira

47

Finfinnee ,waxabajjii 17/2012(TOI)-Manni Maree Ministirootaa baaajata bara 2012 irratti gamaaggama hojii gaaggeessuu jalqabeera.Manni Marichaa bara baajataa bara 2012 tti hojiiwwan ijoo gamaaggamuun galteewwan itti aanaanif kan ta’an irratti xiyyeeffachuun gamaaggama taasiisaa akka jiru ibsaniiru waajjira Ministira Muummeetti hoogganaan Pirees sakiraatiriyaatii Obbo Nugusuu Xilaahuun.

Bara baajataa bara kanaa dhumaa yeroo jirutti ,bara baajataa ittu aanuuf yeroo karooraa waan ta’eef  karoorri waggaa 10 qophaa’uu kan himan Obbo Nugusuun karooruma kanarraa karoorri waggaa Shanii qophaa’ee hojiitti galamuufis qophiitti jiramas jedhaniiru.

Manni Marichaa guyyaa kaleessaas manneen hojii ministirootaa kanneen Sektara Diinagdee jedhan irratti haala raawwii hojii manneen hojii Sagalii   irratti gamaaggama gaggeessuu jalqabeera.Gamaaggamichi manneen hojii Ministiroota kanneen karoora isaanii ijoo irratti raawwii isaanii ,rakkoowwan isaan mudatan, muxaannoo isaanii gaarii ta’emmoo fudhachuun gara fuula duraaf itti fayyadamama jedhan Obbo Nugusuun.

Manni Maree Ministiroota guyyaa har’aas Mana Hojii Ministiroota 11f raawwii hojii isaanii gamaaggamuun kallatti kaa’as jedhaniiru Obbo Nugusuu Xilaahuun.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015