Kongiransii Amerikaatti Kokasiin Gurrachaa dhimma hidha laga abbayyaa ilaallatuun Gamtaan Afrikaa qooda fudhattoota hirmaachisuun hojjetamuu akka qabu gaafate

56

Finfinnee, Waxabajjii 17/2012(TOI)- Koongiransii Amerikaatti kokasiin Gurraachaa dhimmi hidha guddicha Itoophiyaa ilaleen Gamtaan Afrikaa qoda fudattoota biyyatti keessa jiran hirmaachisuun kara nagana hiikkamuu akka qabu gaafatan.

Itoophiyaa Ijiptii fi Sudaan dhimmi hidha guddicha laga abbayyaa faayidaa waliinii irratti hundaa’uun  mariin taasisan nagaa qabeessa akka ta’u kongiransii Amerikaatti kookasiin gurrachaa akka deeggaru beksise.

Mariin biyyoonni sadan taasisan dhugaa,faayidaa waliinii fi qajeeltoo adunyaa irratti hundaa’uu akka qabu hubachiise.

Dhimma hidhichaa irratti Ameerikaa dabalatee biyyoonni Gamtaa Afrikaa dhimmicha xiyyeffannoon akka hojjetan beksise.

Biyyoonni sadan waligaltee ALA bara 2015 irra gahan akka kabajuu qabanis beksise.

Hidhichi faayidaa qabaachuu kan eere kongiransichi biyyoonni sadanuu nyaata,human ibsaa fi bishaan dhugaati qulqulluun of danda’anii tarree biyyoota guddatanii akka gahaniif ni gargaara jechuun ibsee jira.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015