Itiyoophiyaatti Namooni dabalataa 185 vaayirasii koronaan qabamanii jedhame

48

Finfinnee waxabajjii 16/2012(TOI) - Qorannoo Laaboraatoorii sa'aatii 24 darbe keessatti namoota 3775’f taasifameen namoonni dabalataa 185 vaayirasii koronaan qaban.

walii galaan Itiyoophiyaa keessatti hanga amaatti namoonni 4848 Vaayirasii kanaan qabamaniiru.

Namoota har’a vaayirasii koronaan qabaman keessaa dhiira 47 fi dubartoota 138 dha.

Namoonni har’a Vaayirasii koronaan qabaman Umriin isaanii ji’a 3  hanga waggaa  80 gidduutti kan argaman yommuu ta’an namoonni 184 lammii Itiyoophiyaati. 1 imoo lamii alaati jedhame.

Gama biraatiin guyyaa kaleessaa namni 115 vaayirasicha irraa dandamachuun lakkoofsi namoota dandamatanii 1412 gahee jira.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015