Waldaan Misooma Oromiyaa hojiilee rakkoo uummataa furan hojjetaa jira jedhame

688

Finfinnee Waxabajji15/2012(TOI)- Waldaan Miisooma Oromiyaa hojiilee misooma rakkoo uummata furaan kallatti hundaan hojjeechaa jiran gaachana Uummataa ta'uu isaa mirkaneesseera jedhaan PireezIdaantii itti aantuu fi Qindeessituun Kilaastera Magaalaa Aadde Caaltuu Saanii

Waldaan Misooma Oromiyaa birrii miliyoon 42 oliin Ambulaansoota 12 bitee Aanaalee godina Iluu Abbaa Booriif kenne.

Ambulaansoota kana Bulchitoota Aanaaleetti kan kennaan Aadde Caaltuun Waldaan Misooma Oromiyaa gama Barnoota, Faayyaa, Bishaanifi hojilee misooma rakko Uummataa furan hojjetee tajaajilarra oolche gaachana Uummata ta'u isaa kan mirkaneesseedha jedhan

Waldaa Misooma Oromiyaas ta'e Mootumma cinaa dhaabbatanii yoo deeggaran guddina biyyaa yeroo gabaabaa keessatti mirkaneessuun ni danda'ama jedhan aadde Caaltuun.

Konkolaataa argachuun qofti galma miti kan jedhaan aadde Caaltuun kaayyoo barbaadameef oolchuun dirqamas jedhaniiru.

Bulchaan Godina Iluu Abbaa Boor Injinara Girmaa Ragaasaa rakkoo uummaanni godinichaa gama Ambulaansiin qabu furuuf deggeersa WMO taasiseef galata qabna jedhan.

 Uummaani godonichaas Waldicha cinaa dhaabbachuu qaba jedhan.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015