Guyyoota 28 itti aanan jiidhinna eegamu marga loonii fi dhiheessii bishaan dhugaatiif mijataadha - ENA Afaan Oromoo
Guyyoota 28 itti aanan jiidhinna eegamu marga loonii fi dhiheessii bishaan dhugaatiif mijataadha

Finfinnee Amajjii 24/2011 Jiidhi guyyoota 28 itti aanan eegamu dhiheessii marga loonii fi bishaan dhugaatiif mijataa akka ta'e ejensiin meetiroloojii biyyaalessaa beeksise.
Ejensichi Amajjii 14 amma Guraandhala 21/2011 tti Itoophiyaatti ni jiraata jedhamee kan eegamu haala qilleensaa ilaalchisee tilmaama kaa'eera.
Guyyoota 28 keessatti haala barameen jalqabuu rooba arfaasaa wal qabatee naannoleen arfaasaan misooman jiidhina fooyya'aa kan argatnii fi qophii maasaa kan itti taasisan akka ta'e ibsameera.
Keessumaa xumura guyyootaa jedhaman kanatti midhaan arfaasaa facaasuu akka jalqaban ibsicharratti eerameera.
Akkaataa haala qilleensaa tilmaamameetiin naannolee arfaasaa biqilchan irra caalaasaanii keessatti jiidhinni jiru suuts suutss fooyyee argisiisa jedhameetu eegama.
Haalli kun hojii qonnaatiif mijataa fi kana hubachuudhaan qophii barbaachisaa gochuun akka barbaachisu ejensichi ibseera.
Kanaan wal qabatee jiidhinni suut suutaan fooyya'aa akka deemu eegamu naannolee horsiisee bulaafi walakkaan horiisee bulaa ta'aniif marga loonii fi dhiheessii bishaan dhugaatiif mijataa akka ta'e ibsa kenname keessatti eerameera.
Guyyoota 28 keessatti kibbaa fi baha Baaroo Akooboo, laga Abbaayi, Takazee gara gubbaa fi daangaa Waabii Shabalee gara gubbaa roobni fooyyee qabu akka jiraatu ni eegama.
Yaa'a kanneen irratti jiidhinni xiqqaan darbee agrbee mul'atu akka itti hin hammaanne haalli amma jiru mijataa akka ta'ee fi yaa'awwan biroo itoophiyaatti irra caalaa gogaa ta'anii akka turan ejensichi beeksiseera.
Yeroo jedhametti kibba lixaa, kibba, kaaba bahaa, baha, jiddu galeessii fi iddoowwan ollaa sulula guddichaa rooba ni argatu.