Barana bishaan ni guutna waan jenneef guutna osoo hintaane raawwii amma jirutu nu dirqisiisa" - Injiinar Kiflee Horoo

79

Finfinnee,Waxabajjii 10/2012(TOI)-Raawwiin hojii hidhaa guddicha haaromsa Itoophiyaa kan baroota darbaniin oggaa walbira qabamu baranaa olaanaa ta’uu hojii gaggeessaan hidhichaa, Injinar Kifilee Horroo yaada addatti Dhaabbata Pireesii Itoophiyaaf kennaniin ibsan.

Akka Injinar Kifileen jedhanitti hojiin hidhichaa gama raawwiitiin wayita ilaalamu, hojiin pirojektichaa kallattii hundaan humna guutuun dabaree sadiin hojjetama kan jiru yommuu ta’u, hojiin injinariingii siviilii %87, sibiilaa %31, tarbaayiniifi jenereetara elektiroo makaanikaalii %45 yommuu raawwatamu, walumaagalatti raawwiin hidhichaa %74 irra ga’eera.

Kana malees, Injinar Kifleen kana dura rakkoon hojii sibilaa yaalii human maddisiisuurratti mul’ataa ture meeshaalee haaraan bakka bu’uu eeranii, karaan gadiin karaa hidhichi afuura baafatu/bottom outlet/ akkasumas hojiin tarbaayinootni jenereeteroota lama kanneen qaama anniisaa jalqabaa maddisiisuuf oolaniin walqunnaman xumuramanii konkiriitiidhaan guutamaa jiraachuu ibsaniiru.

Haaluma walfakkaatuun hojiiwwan sibiilaa yuuniitoota 11 xumuramaa jiraachuufi hojii kontiraakteroota siviilii kennames yeroo dhiyootti kan eegalau ta’uus hubachiisanii, buufatni anniisaa duraa maddisiisan lamaan xumuramanii hojiin konkiriitii guutuu hojjetamaa jiraachuufi dhiyeenyatti tarbaayinoonni akka dhaabaman ifa taasisaniiru.

Akka Injinarichi jedhanitti, dheerinni qixxelamaan hidhichaa bakki bishaan irra yaa’aa jiru meetira 525 ture hanga dhuma baatii Waxabajjiitti dheerinasaa meetira 560n ga’uu hojiiwwan akka xiyyoosaa konkiriitiin guutuu ciminaan hojjetamaa jira.

“Baran bishaan ni guutna waan jenneef guutna osoo hintaane raawwiin amma jiruyyuu nu dirqisiisa, ol ka’iinsa giddugaleessa hidhichaa meetira 525 gara 560tti kan ol siqu yoo ta’e bishaan meetirkuubii biliyoona 4.9 guutuun dirqama. Kun yoo nuu milkaa’e bara dhufu salphumatti gara meetira 590tti guddisuun bishaan meetirkuubii biliyoona 16.5 qabachuu dandeenya” jechuun adeemsa jiru ibsaniiru.

Barana Itoophiyaan bishaan hinguuttuu yoo jedhame falli jiru hojii hidhichaa dhaabuu qofa kan jedhan hojii gaggeessichi, hojiin olka’iinsa qixxe lamaan hidhichaa erga meetira 560 ga’ee booda caasaansaa guddaa ta’uurraa kan ka’e danqaan kan uumamu yoo ta’e bishaan guutuun ala furmaatni biraa hinjirre ta’uu eeran.

                                                maddi : Dh P I/Bariisaa

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015