Itiyoophiyaatti Namooni dabalataa 176 vaayirasii koronaan qabaman

86

Finfinnee, waxabajjii 8/2012(TOI)-Qorannoo Laaboraatoorii sa'aatii 24 darbe keessatti namoota 5636 f taasifameen namoonni dabalataa 176 vaayirasii koronaan qaban.walii galaan Itiyoophiyaa keessatti hanga amaatti namoonni 3521 Vaayirasii kanaan qabamaniiru.namoota har’a vaayirasii koronaan qabaman keessaa dhiira 116 fi dubartoota 60 dha.

namoonni har’a Vaayirasii koronaan qabaman Umriin isaanii waggaa 5 hanga 90 gidduutti kan argaman yommuu ta’an namoonni 175 lammii Itiyoophiyaati.Namni 1immoo lammii biyya alaati.
oduu biraatiin namoonni 3 har’a du’uutiin lakkoofsa namoota dhibee vaayirasii koronaan Itiyoophiyaa keessatti du’anii 60 iraan ga’eera. Namoonni haaraan 3 har’a sababa dhibee kanaan lubbuun isaanii darbee keessaa Namoonni lama dhibee kanaan qabamanii yaalarra kan turan fi namni tokko immoo erga lubbuun isaa darbee sakkatan’insa reeffaa taasifameen kan argamedha Nmaoota har’a du’uun beekames Namni 1 Naannoo Amaaraarraa kan umriin 60 dhiira yommuu ta’u yaalarra osoo jiruu kan du’ee fi 1 immoo magaalaa Finfinneerraa dhiira Umriin 19 Yaalarra osoo jiruu Lubbuun isaa kan darbedha.Namni biraa tokkommoo naannoo Amaraarraa erga lubbuun darbee qorannaa Reeffarratti taasifameen kan argamedha.

Guyyaa kaleessaa namoonni haaraan 75 dhibee kanaan qabamanii wal’aanamaa turan dhibee kanarraa dandamataniiru.Kunis lakoofsa namoota dhibee kanarraa Itiyoophiyaa keessatti dandamatan 545 irraan ga’eera.Namoota haaraa 75 dhibee kanaraa dandamatan keessaa namoonni 31 Magaalaa Finfinneerraa,Namoonni 5 Naannoo Amaraarraa,Namoonni 1 Naannoo Affaar Irraa ,Namoonni 10 Naannoo Oromiyaa irraa fi Namoonni  28 immoo Naannoo Somaalee  irraati.

Nammoota haaraa 176  har’a vaayirasii kanaan qabaman keessaa namoonni 98 Magaalaa Finfinnee Kan jiraatan,namoonni 7 Nannoo Somaalee irraa ,Namoonni 33 Nannoo Amaraa irraa ,Namoonni 31 Naannoo Tigiraay irraa ,Namoonni 3 Naannoo Oromiyaa irraa,Namoonni 2 Bulchiinsa magaalaa Dirreedhawwaa fi namoonni 2 immoo Naannoo Affaar irraa ta’uu Ibsi Ministira Fayyaa Itiyoophiyaa irraa arganne ni ibsa.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015