Dhaabbanni “Reey Meedikaal “jedhamu Meeshaalee Laabboraatorii Birrii Miiliyoona 1.3 olitti tilmaaman Deeggarsaan Ministira Fayyaaf kenne

60

Finfinnee ,Waxabajjii8/2012 (TOI) -Dhaabbanni Reey Meedikaal  har'a meeshaalee laabraatooriif oolan ministeerichaaf laatera.

Meeshaaleen kunneen qorannaa laabraatoorii saamuda dhiigaa fudhachuun yeroo gabaabaa keessatti bu’aa qorannoo baasuu kan danda’anidha jedhameera.Meeshaaleen kunneenis Baasii Birrii Miiliyona 1.3 ol akka itti baafames himameera. Meeshaaleen Laaboraatoori dhaabbanni Reey Meedikaal Ministira Fayaa Itiyoophiyaaf kenne kun ogeessooni fayyaa bifa salphaa ta’een kan itti gargaaraman ta’uu Hoogganaan gurgurtaa dhaabbata Reey Meedikaal obbo  Mangistuu Geetaneeh himaniiru.

Ministeericha bakka bu'uudhan obbo Yaa'iqoob Sammaan, dhaabbaticha bakka bu'uun ammoo itti aantuu hoji gaggeessaa kan ta'an Yoordaanoos Biraanuun walharkaa fuudhaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015