Sababa COVID-19’n Uummanni Gatii hin barbaachisne akka hin kaffalleef Aadaa baratamaa yeroof dhiisuu qaba-Biiroo Fayyaa Oromiyaa

80

Finfinnee ,Waxabajjii 8/2012 (TOI)-Sababa weerara vaayirasii Koronaatiin uummanni gatii hin barbaachisne akka hin kaffalleef yeroo awwalchaatti aadaa beekamu sana yeroof dhiisuu qaba jedhan Hoogganaan  Biiroo Fayyaa Oromiyaa Dr.Mangistuu Baqqalaa.

Dr.Mangistuun Turtii haala yeroo COVID-19 irratti Turtuu TOI waliin taasisaniin “ Yeroon amma keessa jirru baay’ee rakkisaa waan ta’eef haala yeroof dursa kennuu qabna” jedhan.Turtii isaanii kanattis Weerarri vaayirasii Koronaa Sadarkaa Addunyaatti sodaachiisaa ta’e erga biyya keenya seenee ji’a sadii xumuruu kan himan akka Naannoo Oromiyaattis Lakkoofsi namoota vaayirasii kanaan qabamanii dabalaa dhufuun sadarkaa yaaddeessaarra jira jedhan.Weerarri Vaayirasichaa magaalaan alattis baadiyaa keesttillee babal’achaa waan jiruuf of eeggannoon uummanni taasisus akkasuma dabaluu qaba jedhaniiru.Itti dabaluunis Uummanni dhibee vaayirasii Koronaan wal qabatee gatii hin malle akka hin kaffalleef aadaa sirna awwaalcha namaarratti qabu jijjiiruu qaba jedhan Dr.Mangistuun.Namni sababa dhibee Vaayirasii Koronaan lubbuun isaa darbe maatiitti kan himamuuf namoonni nama sana waliin tuttuuqqaa qaban of eeggannoo akka taasisaniifidha.Uummannis yeroo Boo’cha taa’uutti of eegannoo taasisuun ofii fi namoota biro akka baraaru jedhaniiru Dr.Mangistuun. Sirni awwaalchaas ogeessoota fayyaa fi namoota sirna awwaalchaa raawwataniin taasifamuu qabas jedhaniiru.

Naannoo Oromiyaatti Namoonni 32 sirna Awwaalchaa nama du’eerratti argamuun Vaayirasii koronaaf saaxilamuu himuun hanguma guyyaan dabalaa deemeen namoonni vaayirasii kanaan qabamanis dabalaa deemuus himaniiru.

Akka naannoo Oromiyaatti hanga ammaatti qorannoo laaboraatoorii namoota 13,425 f taasifameen namoota 179 irratti Vaayirasiin Koronaa argameera.Namoonni 5 immoo sababa dhibee kanaan lubbuun isaanii darbeera.Namoonni 26 immoo dhibee kanaan qabamanii deebi’anii dandamataniiru.Yeroo ammaa kanattis namoonni 148 yaaliirra akka jran odeeffannoon toora miidiyaa hawaasaa Facebook biiroo Fayyaa Oromiyaa irraa arganne ni mul’isa.

Itiyoophiyaatti hanga ammaatti qorannaan Laaboraatoorii Namoota kuma 181 fi 349 f taasifamee namoonni 3,345 vaayirasii koronaan qabamuun mirkanaa’eera.Namoonni 57 Immoo sababa dhibee kanaan lubbuun isaanii darbeera.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015