Ittisa vaayirsaii Koronaa Cinaatti biqiltuuwwan duraan dhaabaman kunuunsuun nurra jira jedhan Injinar Taakkalaa Uumaa

70

Finfinnee,Waxabajjii 8/2012 (TOI)- Kantiibaa Itti aanaa bulchiinsa magaalaa Finfinnee Injiinar Taakkaalaa Uumaa guyyaa har’aa qaama Ashaaraa Magaarisaa kan ta’e Ogeeyyii Aartii fi namoota bebbeekamoo waliin ta’uun kutaa bulchiinsa Eekkaatti Paarkii Barkumee magaliichaa keessatti biqiltuu dhaabaniiru.Injiinara Taallakaalan sirna biqiltuu dhaabuu kanarratti ergaa dabarsaniin weerara Addunyaa kan ta’e vaayirasii Koronaa ittisuu cinaatti biqiltuuwwan kanaan dura dhaabaman kunuunsuu qabana jechuun waamicha dhiyyeessaniiru.Ogummaan Aartii jireenya uummataa waliin kan walitti hidhatee fi kaayyoo biyyaa waliinis kan imaludha kan jedhan Injinar Taakkeleen Ogeessoonni Aartiimmoo jireenya haawwasaa jijjiiruu fi xiinsammuu guddisuurraa jalqabee Ajandaa waloo biyyaa deeggaruurratti fakkeenya ta’uun ga’ee ogummaa isaanii ba’achuus qabu jedhaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015