Yakka malaammaltummaa Xirat Korporetiin kan shakkaman namoonni shan dabalataan to’annaa jala oolan

117

Baahir Daar Amajjii 23/2011 Yakka malaammaltummaa Xirat korporet keessatti raawwatameen kan shakkaman namoonni shan dabalataan to’annaa jala ooluusaanii komishinariin farra malaammaltummaa fi naamusaa naannoo Amaaraa beeksise.

Komishinar Ziggaalee Gabayyoo har’a tajaajila oduu Itoophiyaatiif akka himanitti , shakkamtoonni kaleessa Finfinnee keessatti to’annaa jala kan oolan itti aanaa hojii raawwachiisaa xirat korporeet duraanii obbo Mitikkuu Bayyanaa dabalatee namoota dhimmicha waliin quunnamtii qabu jedhamanii shakkamanidha.

Obbo Mitikkuu Bayyadaa waldaa aksiyoonaa keemikaal sasteenabil itti gaafatamnisaa murtaa’e jedhamuuf qooda aksiyoonaatiin ol raawwachuu fi liqiin hin eeyyamamne akka kafalamu gochuudhaan shakkamanii akka ta’e dubbataniiru.

Korporeeshinichi guddina kaappitaalaa tokkoyyoo osoo hin agarsiisiin dhibbantaa 220 dabalee raawwachuudhaan bittaan aksiyoonaa birrii miiliyoona 4 kuma 320 karaa hin maleen fayyadamaniiru kan jedhaman hundeessaa waldaa Laapaalmaa kan turan namoonni sadiis to’annaa jala oolaniiru.

Shakkamtoonni kunneen adde Ayinaalem Hayiluu, adde Iyyarusaalem Biraanuu fi adde Beeteliheem Biraanuu kan jedhaman haadhaa fi ilmoo akka ta’e komishinarichi ibsaniiru.

Korporeeshinichi bittaa aksiyoonaa taasiseen faayidaa hin malle argataniiru jechuun shakkamanii to’annaa jala kan oolan shakkamaan biraan Baahir Daaritti abbaa qabeenyaa waldaa dhuunfaa itti gaafatamnisaa murtaa’e motora kan walitti suphu obbo Gizaawu Zawuduuti.

Shakkamtoonnis har’a Bahaar Daar ni galu jedhameetu eegama jedhaniiru.

Namoonni kunneen yoo danda’ame har’a, kanaa ana boru mana murteetti akka dhihaatan komishinar Ziggaaleen beeksisaniiru.

Komishinichi kubbaaniyyoonni korporeeshinicha jalatti bulan shan argannoo odiitii irratti hundaa’ee namoota seeraan gaafataman keessaa obbo Barakat Simoon fi obbo Taaddasaa Kaasaa kana dura to’annaa jala oolcheera. Dhimmisaaniis mana murteetiin ilaalamuu jalqabeera.

Kubbaaniyyoota ilaalchisee qaamoleen itti hirmaatanii fi fayyadamaa ta’an seeraan gaafatamuu akka danda’an komishinichi dursee ibsuun isaa ni beekama.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015