Dhaabbileen Siyaasaa Morkattootaa Ajandaawwan waloo irratti wal tumsuu dhabuun guddina Itiyoophiyaa duubatti hambiiseera jedhame

115

Finfinnee ,Waxabajjii 7/2012(TOI)-Dhhabbileen siyaasaa morkatootaa Ajadaawwan walii galuu qaban irratti wal tumsuu dhabuun isaanii Guddina Itiyoophiyaa gara duubaatti harkiseera jedhameera.Yeroo ammaa kanattis Ajandaawwaan Waloo irratti wal tumsuuf jalqabbiin jirus gaariidha jedhameera.

Dhaabbileen siyaasaa morkottootaa waliin ta’uun sirna biqiltuu dhabuu waliin taasisaniiru.Sirna Biqiltuu dhaabuu har’a Bulchiinsa Magaalaa Finfinnee kutaa Bulchiinsa Eekkaa Aanaa shanitti Paarkii barkumee keessatti biqltuu dhaabaniiru.Sirna biqiltuu dhaabuu kanarrtti dhaabbileen siyaasaa ,Badhaadhinaa, Izemaa,Adda Bilisummaa Oromoo (ABO) ,Paartii Dimokiraaatawwaa Tigiraay, Paartii Sooshiyaal Dimokiraasii Itiyoophiyaa fi kanneen biroo irratti hirmaataniiru.

Sirni Dhaabbii Biqiltuu har’a dhaabbileen siyaasaa morkattootaa irratti hirmaatan kun qaama ashaaraa magariisaa akka biyyaatti jalqabame kan ta’ee fi Bulchiinsi magaalaa Finfinnee bara kana biqiltuuwwan Miiliyoona 7 dhaabuuf karoorfate keessaa tokko akka ta’es beekameera. Sirna biqiltuu dhaabbii kanarratti kan argaman walitti qabaan mana mare dhaabbiilee siyaasaa morkattootaa obbo Muusaa AdamHaasaa taasisaanin kennaniin Dhaabbileen Siyaasaa Morkattootaa Ajandaawwan Waloo irratti wal tumsuu dhabuun isaanii Guddina Itiyoophiyaa gara duubaatti harkiseera jedhan.

Haa ta’u malee yeroo ammaa kana dhaabbileen siyaasaa dhimma waloo irratti fedhiin waliin hojjechuuf agarsiisaa jiran jalqabbiin isaa gaarii ta’uus himaniiru Obbo Muusaan.

Dhiibbaa gama Jijiirama qilleensaan dhufaa jiru dandamachuuf hojiin Ashaaraa magariisaa qaama tokkoof qofa  kan dhiisamu waan hin taaneef dhaabbileen siyaasaa morkattootaa kanaa ol akka hojjechuu qabanis dhaamaniiru.

Itti Gaafatamaa Dubbii Himaa Adda Bilisummaa Oromoo kan ta’an Obbo Qajeelaa Mardaasaa sirna Biqiltuu dhaabbii kanarratti kan argaman gama isaaniin “ Dhaabbileen siyaasaa morkattootaa Ashaaraa magariisaa irrattii hirmaannaa taasiisun Ajandaawwaan biyyaaleessaa waloo  biroo irratti wal tumsuuf jajjabina kenna” jedhaniiru.

Waajjira Paartii Badhaadhinaa Bulchiinsa magaalaa Finfinneetti itti gaafatamaa kan ta’an Obbo Tasfaayee Beljigee gama isaaniin “ Ashaaraa Magariisaa irratti wal tumsuun mula’ate dhimmoota biyyaaleessaa waloo biro irrattis dabalamuu qaba” jedhaniiru. Dhimmoota biyyaaleessaa waloo irratti waliin hojjechuunis agarsiiftuu Siyaasa qaroomee ta’uus himaniiru Obbo Tasfaayeen.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015