Sababa Dhibee Vaayirasii Koronaatiin Hanqinni Dhiigaa mudatee ture furameera Jedhe Baankiin Dhiigaa

114

Finfinnee Waxabajjii 7/2012(TOI)- Erga weerrarri Vaayirasii koronaa  Biyya keenya keessatti mul’atee kaasee hir’inni baankii dhiigaa mudachuu kan ibse baankiin dhiigaa yeroo hanqinichi furamuu beeksiiseera.

Guyyaan Arjooma dhiigaa Addunyaa mata duree “Dhiiga Arjoomuun Addunyaa keenya Fayyaa haa goonu” jedhuun har’a kabajamaa jira.Waggaa waggaan Waxajjii 7, guyaan dhiiga arjoomuu akka addunyaatti kabajamu sababa weerara Vaayirasii Koronaatiin bara kana walitti qabamuun kabajamuu baatus mata duree “Dhiiga Arjoomuun Addunyaa keenya Fayyaa haa goonu/ Give Blood and Make the World a Healthier Place” jedhuun yaadamee oolaa jira.

Baankiin biyyaaleessa dhiigaa Itiyoophiyaas guyyaa dhiiga Arjoomuu Addunyaa sababeeffachuun ergaa dabarseen “Ayyaanicha walitti qabamnee yaadachuu baannus  Dhiiga Arjoomtoota keenya maqaa yaalamtoota dhiiga fayyadamaniin isin galateeffanna jedheera.

Sababa weerara vaayirasii koronaatiin dhiiga arjoomtoonni gara Baankii dhiigaattiis ta’e gara dhaabbilee fayyaa dhufuun dhiiga arjoomuu waan hin dandeenyeef akka biyyaatti hanqinni dhiigaa nu mudatee ture jedheera baankichi.Hanqina kanarraa ka’uun waamicha akka biyyaatti dhiiga arjoomtootaf taasifameen hanqinni mudatee ture furameeras jedheera baankiin dhiigaa biyyaaleessaa.Yeroo ammaa kanattis Baankiin dhiigaa hundinuu dhiiga ga’aa qabus jedheera.

Ammas Baankiiwwan dhiigaa hundi weerara vaayirasii koronaa ittisuuf of eeggannoowwan taa’an hunda hojiirra oolchuun dhiiga arjoomtoota keessummeessuuf qophii ta’uu isaanii beeksisaniiru.

Guyyaan Dhiiga Arjoomtootaa Addunyaa yeroo 17ffaaf kabajamaa jira.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015