Mariin Hidha Haaromsaa Guddicharratti xiyyeeffate Kaleessas itti fufee Ooleera

61

Finfinnee ,waxabajjii 7/2012(TOI)- Itiyoophiyaa,Sudaanii fi Ijiipti Giduutti Mariin dhimma hidha haaromsaa guddicha irratti xiyyeeffate kaleessas itti fufee ooleera.

Ministirri Bishaa,Jaliisii fi Inarjii Ibsa TOI tiif ergeen akka beeksisetti Itiyoophiyaan Maricha keessa Ogeessoonni Teekinikaa fi Seeraa lama garicha keessa osoo jiraatan jedhu dhiyyeessite  gama Sudaaniin fudhatama argateera.

Marii dhimma Teekinikaarratti adeemsifameen Itiyoophiyaan yaada guutinsa bishaaniirratti dhiyyeesiterratti marii’atameera.Haala kanaanis haala guutinsa bishaanii marsaa jalqabaa irratti waliigalteerras ga’amuu isaa ibseera.

Maricharratti Karaa Ijiipti kanaan dura yaada yeroo goginsaa fi waggaa goginsaa jedhu irratti seerri bal’inaan jiraachuu qaba jettu kan kanaan dura Itiyoophiyaan fudhachuu diddeettu irra deebbiin Mariif dhiyyeessiteetti.Yeroo dheeraaf goginsaa kan ilaallateen Koreen Teekinikaa haala bishaan itti gadhiifamu irratti seera akka qopheessuuf itti gaafatamummaan itti kennamuu fi haala Bishaan itti gadhiifamu tokkoo tokkoo isaarratti garuu walii galteen akka barbaachisu waliigalteerra ga’ameeera.

Haaluma wal fakkaatuun seerrii nageenya hidhichaa  ilaallatuu fi Naannoo hidhich itti argamu akkasumas dhiibbaa inni hawwaasummaa irratti qabu irratti qorannoon akka barbaachiisu walii galteerra ga’ameera.

Gama Ijiptiin maricharratti kan hirmaaatan hirmaannaan isaanii qabanaa’aa ture kan jedhe ibsichi Yeroo goginsaa dheeraa yaada jedhurratti qofa hirmaachuu isaanii ibseera.Haa ta’u malee sa’atii dhumaarratti hirmaattoonni marichaa gama Ijiptiin dhafan sanada mariin irratti taasifamaa turee fi kanaa dura ofuma isaanii sanada hojjechiisuu danda’u jechuun yaada irratti kennanii turan kan Sudaan dhiyyeesite deebisanii mormaniiru.

Dabalataanis Marichi gaggeeffamaa osoo jiruu ejjennoo mataa isaanii qabatanii dhiyyaatan kan morman warri Ijiipti Guutinsi Bishaanii taasifamuu hin qabu jechuun mormaniiru.

Akkasumas Mariin jalqabame Wiixata akka xumuramuu fi hanga ammaatti yaadoonni Itiyoophiyaa fi Sudaan dhiyyeessaa turaniifi jijjiiramoota argamaniif beekamtii kennuuf fedhiin mul’ateera jechuun beeksiisa Ibsichi. Booris maricharratti jijjiiramoota argaman gamaaggamuun ,dhimmoota waliigalteerra hin ga’amnerratti marichi akka itti fufu Ibsi Ministirichi erge beeksiiseera.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015