Boordiin Filannoo qabeenya ADWUI duraanii akka qulqulleessaniif Ooditaroota lama muude

126

Finfinnee, Waxabajjii 6/2012 (TOI) - Boordiin Filannoo Biyyaalessa Ityoophiyaa qabeenya Adda Warraksa Demookraatawaa Ummattoota Ityoophiyaa (ADWUI) akka qulqulleessaniif Ooditaroota lama muuduu beeksise.

Boordichi Amajjii 20 bara 2012  paartiin dhaaboolee Arfanii akka diigamu murteessuun isaa ni yaadatama. Haaluma kanaanis  Dhaaboliin addicha keesa jiran  ji’oota ja’a keessatti hirannaan qabeenyaa akka xumuramu ajaja kenneera ture.

Boordichi akkaata bu’ura labsii 1162/2011n Amajjii 20, 2012 qabeenyi dhaabbileen arfanii duraanii waliin qaban qoratamuun TPLF harka ¼ Paartiin Badhaadhinaa harka ¾ akka qooddatan murteessuun isaa ni yaadatama.

Murtichaanis qaama qabeenya waloo kana qulqulleessu muuduun mirgi abbaa qabeenyummaa akka eeggamu bu’ura seeraan raawwachiisuuf murteessee ture.

Gama biroon paartiin Badhaadhinaa qoodinsi qabeenyaa dhuunfaan akka baay’ina misoonsotaatti raawwatamuu qaba malee iddoo afurtti qixa qooddamuu hin qabu jechuun iyyata dhiyeeffachuu ibsameera.

Boordichi bu’ura dambii seera addichaarratti hundaa’uun murtee dabarsuu ibseera.

Dambiin seera paartichaa paartileen addichaa hundi qabeenya waloo walqixa qooddachuu mirga akka qaban teessiseera.

Boordichi Paartiin Badhaadhinaa ragaa kana caalaa bu’aa buusuufii danda’u/ sanada yoo qabaate qaama dhimmicha qulqulleessuuf dhiyeessuu danda’a jedheera.

Erga murteen adda ba’uu addichaa darbee eegale qaamni lamaanu qulqulleessituu waloo itti amanan waliin akka dhiyeeffatan gaafatamanis hin milkoofne jedhame.

Boordichi Paartiin Badhaadhinaa fi TPLF dhuunfaa isaaniin qaama herreega kana qulqulleessu filachuun hojiin qabeenyicha qulqulleessuu akka eegalamu murtee dabarsuu beeksiseera.

Haaluma kanaan qaamni hojii qabeenya waloo kana akka qulqulleessan dhaabbilee lamaanurraa filataman karoora waloo, gabatee raawwii yeroo, iddoo hojii itti gaggeessan, haalaa fi seera hojii qopheeffachuun boordichaaf akka dhiyeessan xaalayaan gaafachuu isaa boordichi ifoomseera.

Baasiin hojii qabeenya waloo kana qulqulleessuuf ba’u hundi Paartiilee lamaaniin kan uwwifamu ta’uus ibsameera.Haala raawwii fi adeemsa isaa yeroo yeroon kan ifoomsu ta’uu Boordichi beeksiseera.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015