Ministirri Dhimmi Alaa Gadduu Andargachoo gita isaanii Kooriyaa waliin mariyatan

55

Fifninnee Waxabajjii 5/2012(TOI)- Ministiri Dhimmi Alaa obbo Gadduu Andargachoo gita isaanii Kooriyaa Kibbaa Kang young Huha  waliin bilbilaan mariyatan.

Ministiroonni lameenuu hariiroo biyyoota lameenii cimsuu, weerara covid-19 gamtaan ittisuu fi hirmaannaa abbootii qabeenyaa kooriyaa kibbaa investimantii itoophiyaa ilalchisee mariyatan.

Hariiroon Itoophiyaa fi Kooriyaa Kibbaa dhiigaan kan walitti hidhamee fi seena qabeessa waan ta’eef gara sadarkaa olaanutti ceesisuuf uummata biyyoota lamaanii caalatti fayyaduuf Itoophiyaan xiyyeffannoon hojjetti jedhan.

Kooriyaan Kibbaa weerara koronaa toohachuuf sochii taasifte dinqisiifachuuun deeggarsa meeshaalee Itoophiyaf tasiftes galateeffatan.

Abootiin qabeenyaa Kooriyaas qabeenya isaanii gara Itoophiyaa fiduun investimantii irratti akka bobba’an mootummaan ni jajjabeessa jedhan.

Kong yong Yuhan gama isaanin waregama gootonni Itoophiyaa bilisummaa Kooriyaa Kibbaaf kafalan uummata Kooriyaa Kibbaa hunda biratti baraaf jirata jechuun,weerarri koronaa rakkoo adunyaa hundaa wan ta’eef Kooriyaan deegarsa Itoophiyaaf gootu cimsitee itti fufti jedhan.

deegarsa Itoophiyaan Karaa Dhaabbata Motumootta Gamtoomaniin loltoota Kooriyaa kibbaa nagaa Sudaan egsisuuf bobba’aniif taasiftes galatefftan.

Kooriyaan deegarsa Itoophiyaa walin qabdus ta’ee deegarsa gama idil-adunyaa cimsitee akka itti fuftuu fi abootiin qabeenyaa kooriyaa kibbaa gama Itophiyaa dhufuun investimantii irratti ni hojjetti jedhan. Maddi  waajjira Ministeera Dhimmi Alaati.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015