Lakkoofsi ummataa fi manaa marsaa afraffaa jalqabamuufi

Finfinnee Amajjii 23/2011 Lakkoofsi ummataa fi manaa afraffaan jalqamamuuf akka ta’e ejansiin istaastiiksii jiddu galeessaa beeksise.

Lakkoofsi kun Bitootessa 29 amma Ebla 20/2011ti akka adeemsifamu beekameera.

Hojiin raga walitti qabuu naannoo biyyattii hundatti yeroo wal fakkaatu keessatti ni adeemsifama.

Daayiraktarri olaanaa ejensii istaastiksii jiddu galeessaa obbo Birraatuu Yiggazuu akka ibsanitti, lakkoofsa ummataa fi manaatiif hojiiwwan haal duree barbaachisan xumuramaniiru.

Lakkoofsi ammaa kun adeemsa lakkoofsa ummataa fi manaa kanaan dura adeemsifaman irraa tekinooloojii dijitaalii fi qooqa dabalataa shan fayyadamuudhaan kan adeemsifamu waan ta’eef adda akka ta’e hubachiisaniiru.

Lakkoofsi kun kanaan dura wayita adeemsifamu naannawa horsiisee bulaa fi naannoo biyyattii tokko tokkotti yeroo ramadameen alatti boodatti hafee kan adeemsifamu yoo ta’u, yeroo ammaa yeroo wal fakkaatutti adeemsisuuf hojiileen haal duree raawwatamaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015