Hojjettoonni Miidiyaalee OBN, Addis Miidiyaa Neet work,FI TV Kibbaa addabaabayiitti ba’uun Weerara COVID-19 Irrati Uummataaf hojii hubannoo Uumuu kennan

230

Finfinnee ,Waxa bajjii 5/2012 (TOI)- Dhimma Weerara Vaayirsii Koronaa irratti hojjettoonni Miidiyaalee Oromiyaa Miidiyaa Neet wrk (OBN),Addis Miidiyaa Neet work fi Televizhinii Kibbaa Addabaabayiitti ba’uun Uummataaf hojii hubannoo uumuu kennaniiru.

Mata duree “ Wal haa dhageenyu” jedhuun duula hojii hubannoo uumuu dhima weera vaayirasii koronaa irratti akka biyaatti ogeessoota miidiyaan jalqabame itti fufeera.Guyyaa kaleessaa hojetoonnii fi hooggantoonni  miidiyaalee kunneenii magaalaalee garaagaraatti hojii hubannoo uumuu kenaniiru. Ergaa isaanii kessatti uummanni of eeggannoo taasiisuu akka qabu dhaamaniiru.

Hojjettoonni Oromiyaa Miidiyaa Neet work “OBN” Magaaloota kanneen akka Adaamaa, Bishooftuu,Shaashamannee,Hararii fi bakkeewwan birootti Abbootii amantaa fi hooggantoota waajjiraalee garaa garaa waliin ta’uun uumataaf hojii hubannoo uumuu kennaniiru.
gama biraan Hojjettoonni fi hooggantoonni Addis Miidiyaa Neet work immoo bulchiinsa magaalaa Finfinnee kutaa Bulchiinsa LNIFAAS SILK Laaftoo keessa naannaa’uun uummataaf weerara vaayirasii koronaa irratti hubannoo kennaniiru.haaluma wal fakaatuun hojjettoonnii fi hooggantoonni Televizhiyoona Kibbaa Magaalaa shaashamanneetii fi naannoo isheetti argamuun uummataaf hojii hubannoo uumuu kennaniiru.

Hojjettoonni fi hooggantoonni miidiyaalee kunneenii ergaawwan dabarsaniin hojii isaanii keessatti odeeffaannoo fi oduuwwan taatee du’aa himuu kan dhiisnu yoo uummanni of eeggannoo taasiisu cimsedha jedhaniiru.

Hooggantoonni fi hojjettoonni Miidiyaalee mata duree” wal haa dhaggeeffannu” jedhuun weerara vaayirasii koronaa irratti uummataaf hojiin hubannoo uumuu   kennamaa jiru akkuma itti fufetti jira.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015