Ministirri dhimma Alaa Gadduu Andi Argachoo Amabaasaddara Gamtaa Awurooppaa waliin marii’atan

55

Finfinnee ,Waxabajjii 4/2012 (TOI)-Ministirri ministira haajaa alaa Itiyoophiyaa obbo Gadduu Andaargaachoo Ambaasaddara gamtaa Awuroopaa Joon Burtaastamiin waajjira isaaniitti dubbisaniiru.

Dhimma hidha haaroomsa guddicha irratti waliin marii’achuu fi biyyoota sadeen hidha haroomsaa irratti waliin dubbataniif gamtaan Awuroopaa Taajjabuuf akka jirtu ibsuun galateeffataniiru.

Gamtaan Awurooppaa fi Itiyoophiyaan biyyoota hariiroo cimaa qaban ta’uu ibsiin weerara vaayirasii koronaa ittisuufis walitti dhufeenyi gaamta Awuroopaa fi Itiyoophiyaa gidduu jiru cimee akka itti fufuuf qaamoleen lamaan walii galuu isaanii odeeffannoo waajjira Ministira haajaa alaarraa arganne ni ibsa.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015