Itiyoophiyaatti Namooni dabalataa 164 vaayirasii koronaan qabaman

60


Finfinnee waxabajjii 4/2012(TOI)-Qorannoo sa'aatii 24 darbe keessatti namoota 6630f taasifameen namoonni dabalataa 164 vaayirasii koronaan qaban.walii galaan Itiyoophiyaa keessatti hanga amaatti namoonni 2670 Vaayirasii kanaan qabamaniiru.namoota har’a vaayirasii koronaan qabaman keessaa dhiira 117 fi dubartoota 47dha.

namoonni har’a Vaayirasii koronaan qabaman Umriin isaanii waggaa 1  hanga 97 gidduutti kan argaman yommuu ta’an namoonni 163 lammii Itiyoophiyaati.Namni tokko immoo lammii biyya alaati.
oduu biraatiin namoonni Shan har’a du’uutiin lakkoofsa namoota dhibee vaayirasii koronaan  Itiyoophiyaa keessatti du’anii 40 iraan ga’eera. Namoonni haaraan shan har’a sababa dhibee kanaan lubbuun isaanii darbee namoonni Afur magaalaa Finfinneerraa yommuu ta’an,Namni tokko immoo Naannoo Somaalee irrattis jedhameera.Namoota du’an kana keesaa nama lama irratti erga lubbuun isaanii darbee qorannaa reeffaa taasifameen kan beekamedha.

Nammoota haaraa 164 har’a vaayirasii kanaan qabaman keessaa namoonni 104 Magaalaa Finfinnee Kan jiraatan,namoonni 26 naannoo Somaaleerraa,namoonni 22 naannoo Aamaaraa irraa,namoonni 4 naannoo  Tigraay irraa,namoonni 4 naannoo saba,saboo fi uummattoota Kibbaarraa,namoonni 2 naannoo Oromiyaa irraa ,namni 1 naannoo Hararii fi namni 1 Naannoo Beenishaanguul irraa ta’uu Ministirri Fayyaa beeksiiseera.

Biyya keenyatti Vaayirasiin Koronaa namarratti erga mul’atee amma ji’a sadaffaa isaa kan qabate yommuu ta’u,Ji’oota lamaan duraa keessatti namoonni Vaayirasii kanaan qabaman 250 kan turan,ji’a tokko dabarsine kana keessattimmoo namoonni 2420 haaraan vaayirasii kanaan qabamaniiru. Kunis kan ji’oota lamaan darbanii waliin yommuu madaalamu weerrarri vaayirasii kanaa harka 10’n babbalchaa akka jiru ibsa jedha ibsi ministirri Fayyaa Itiyoophiyaa baase.Kanaafis jedha ibsi Ministira Fayyaa kun yeroo kamiyyuu caalaa uummanni Of eeggannoo isaa cimsachuu akka qabudha.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015