Bulchinsi Magaalaa Finfinnee Qonnaan bultootaaf Xaa’oo fi Sanyii Filatamaa Birrii Miliiyoona 10 tti tilmaamu tolaan kenne

73

Finfinnee,Waxabajjii 1/2012 (TOI)- Bulchiinsi magaalaa Finfinnee qonnaan bultoota magaaliittiif xaa’oo fi sanyii filatamaa birrii miiliyoona 10tti tilmamaamu bituun tolaan kenneef.

Itti aanaa Kantiibaa bulchiinsa magaalaa Finfinnee Injiinar Taakkalaa Uumaa fi Ministirri Ministira Qonnaa Itiyoophiyaa Obbo Umar Huseen Kutaa Bulchiinsa Aqaaqii Qaallittiitti argamuun lafa qonnaa qonnaan bultootaa irratti guyyaa tajaajila tola ooltummaa jalqabsiisaniiru.

Angawoonni kunneen lamaan Kutaa bulchiinsa Aqaaqii Qaallittii aanaa 11 Mandara 6 jedhamuun beekamutti argamuun qonnaa irratti qonnaan bultootaafi dargaggoota hirmaachisuun sirna guyyaa hojii tola ooltummaa bara kanaa akka magaalichaatti jalqabsiisaniiru.Naannooma sanattis biqiltuu dhaabaniiru.

Injiinar Taakkalaa Uumaa Itti Aanaan Kantiibaa Bulchiinsa Magaalaa Finfinnee dargaggoota qonnaan bultoota naannoo magaalittii jiran gargaaruuf dhaufn dinqiisifataniiru.Hojiin tola ooltummaa kunis riqicha dargaggootaa fi qonnaan bulaa gidduutti citee ture deebisee kan ijaaru fi seenaa dabes kan deebisudha jedhaniiru.itti dabaluunis qonnaan bultootaaf bu’uuraaleen misoomaa kanneen akka Bishaanii,daandii,human Ibsaa,fi Manneen barnootaa akka guutamaniif himuun hir’inni oomishaa akka hin jiraanneefis qonnaan bultoonni ni deeggaramu jedhaniiru.

Bulchiinsi magaalichaa xaa’oo fi sanyii filatamaa birrii miiliyoona 10 tti tilmaamu qonnaan bultootaaf kenneef qonnaan bultoonnis hoggantoota kanneen galateeffataniiru.

Ministirri Ministira Qonnaa Obbo Umar Huseen gama isaaniin tajaajjilli tola ooltummaa gochaa isaarra yaada isaatu caala jechuun dargaggoota qonnaan bultoota kanneen deeggaruu dhufan galateeffachuun ,yeroo qonnaa qofatti osoo hin taane yeroo aramaa fi sassaabbii isaattis qonnaan bultoota keessan akka deeggartan jechuun waamicha dhiyyeessaniiru dargaggootaaf.

Dargaggoonni har’a hojii tola ooltuummaan qonnaan bultoota deeggaruuf dhufanis hojii akkasii irratti hirmaachuu isaaniif gammachuu qaban ibsataniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015